Meelbaa physicians

  • Home
  • Meelbaa physicians

Meelbaa physicians Melbaa physician is a group of young 2021 graduate medical doctors of Haramaya University

Dr. Gadisa Fikadu (MD+, Emergency and critical care medicine physician) !🙏🥰Dr. Gadisaan miseensa keenya fi senior jalqab...
28/06/2025

Dr. Gadisa Fikadu (MD+, Emergency and critical care medicine physician)
!🙏🥰
Dr. Gadisaan miseensa keenya fi senior jalqaba batch keenyati!
Dr. Gaaddoo !🙏🥰🙏

22/02/2022

CIRRACHA AFUUFFEEE HADHOOFTUU / CHOLELITHIASIS/GALL BLADDER STONE
▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼
Hadhooftuun dhangala'aa tiruu keenya keessaatti oomishamee sirna bullaa'insa nyaataa keessatti gahee guddaa taphatuudha. Dhangala'aan kunis baattuu hadhooftuu qaama jedhamtu kan garaa keenya gara mirgaatiin tiruu keenya jalatti argamtu keessatti kuufama. Hadhooftuun ega tiruun oomishamte booda baattuu hadhooftuu keessatti kuufamte nyaata Cooma fi Zayita ta'an kannen akka foon Cooma, dhadhaa,hanqaaquu fa'a yoo nyaanne baattuun kottoonfachuun hadhooftun kun ujummoo hadhooftuutin gara Mar'imaan qal'aa seenuun akka nyaanni kunnen bullaa'u godha.
Cirrachi kan uumamu yoo hangi kollestroolii hanga dhangala'aa hadhoofuu caale ykn hangi dhangala'aa kanaa hir'atedha.

Wantoota dhibee kanaaf nu saaxilan

☞Saalaan dubara ta'u
☞Furdina qaamaa garmale
☞Nyaata Koolestroolii heddu qaban fknf Cooma, dhadhaa fi kkf soorachuu.
☞Ulfaa
☞Dhibee dhiigaa tokko tokko qabaachuu(sickle cell disease)
☞Qorichoota dhala dhorkan fayyadamuu
☞Imrii: yeroo baayyee 40 ol irratto muldhata.

MALLATTOOLEE

Harkii caalaan cirracha hadhooftuu mallattoo osoo hin agarsiisin yeroo dheeraadhaaf baattuu hadhooftuu keessa turuu danda'a,garuu cirrachi (lakkoofsan tokko ykn hedduu ta'u danda'a) kun yeroo tokko tokko achi keessaa bahuun Ujummoo hadhooftuu cuqqaaluu danda'a. Yeroo kana mallattoole kanneen agarsiisuu danda'a. isaanis:-

☞dhukkubbii garaa keenya gara harka mirgaa gara oliitti ykn handhuura olitti dhukkubbii akka waraansa fakkaatu nutti dhagahamuu danda'a. Dhukkuibbiin kunis yeroo baayyee sa'aa muraasaaf (4-6hrs).
☞Hoo'i qaamaa dabaluu fi dadhabiin dhukkubbii kana wajjiin jiraachuu.
☞haqqisiisuu

2. Infeekshina ujummoo hadhooftuu /Cholangitis
mallattoole akka:-
☞Dhukkubbii garaa karaa mirgaatiin (akka silaa)
☞ijji keenya ykn gogaan keenya keelloo ta'u (Jaundice)
☞Hoo'i qaamaa dabaluu.

3. Mar'imaan cuqqaaluu.
dhagaan/cirrachi afuuffee hadhooftuu uruun gara mar'imaanii darbee mar'imaan cuqqaala.
mallattoon isaas:
☞dhukkubbii garaa
☞haqqisaa
☞bokoka
☞sagaraa fi dhuufuu baasuu dhabuudha.
4 infeekshina garaa keessatti uumuu.

Kun yoo afuuffeen hadhooftuu uratuun hadhooftuun gara garaatti gadi naqame kan uumamudha.
Mallattoon isaas:
☞Dhukkubbii garaa walirraa hin cinne
☞laydaa/hoo'a qaama fi kkf

Dr Gado

01/02/2022

LOLUU GOGAA/ECZEMA/DERMATITIS
▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼
Gogaan keenya wantootaa karaa keessaatii fi alaatiin irra gahan qolachuuf ni lola.yeroo kanas humni madiinummaa keenyaa/immune sytem garasitti deemuun wantoota alagaa sana qolata.kun immoo namaa namatti garaa gara. Namoota baayyeerratti hamma wanti alagaa sun dhabamutti lolee, achi booda dhiisa.namoota muraasa irratti garuu achumaan itti fufuun qaamni nagaallee akka miidhamu taasisa.

MALLATTOOLEE

☞Garmalee hooqsisuu
☞diimachuu fi bifa geeddaruu/jijjiiruu gogaa
☞jajjabaachuu
☞goguu
☞Bishaan naqachuu fi yoo infeekshina uume malaa xixiiqqoo kuusuu

Gosoota/types

1 Kan keessoo/endogenous

A Atopic dermatitis:

kun yeroo baayyee daa'ima irratti muldhata.achii booda itti fufuu dandaha.
yeroo baayyee Maatii keessa nama dhibee asmaa ykn saaynasii(sinusitis) fi dhibeema kana mataasaa qaban ni jiraatu
Mallattoolee armaan oliifi dablataan iji diddiimachuu, qabaachuu dandaha.

B seborrhoiec dermatitis:

Kun qaamni keenya yeroo fungasoota mataa keenyarraatiin lolu kan muldhatudha.
yeroo baayyee dhukkubsattoota hiv irratti baayyata.

2 Kan Alaa/exogenous

Ka'umsa

yeroo baayyee wantootaan wal tuttuquun kan nu mudatudha.
☞qabattoo(bakka sibiilaa)
☞sibilaalota morma irratti uffataman
☞kophee (bakka sibiilaa)
☞chaapiistikii
☞liippistikii

A Irritant Contact dermatitis
☞kun madinummaa/immunity waliin kan walin qabatu.
☞namoota kamirrattuu mul'achuu dandaha.
☞barruu harkaa irratti baayyata

B Allergic contact dermatitis
☞madinummaa/immunity waliin walqabata.
☞wantoonni ka'umsa kanaa tahan gaafa madinummaa qaama keenya/immune system loolchiisan muldhata
☞namoota dhibee kanaaf saaxil tahan irratti muldhata.
☞harka duubbee harkaa(gama hin nyaanneen) irratti mul'ata.

YAALA

1 Yeroo hunda bakkicha akka hin gogne dibata dibuu

2 wantoota kanniin kaumsa tahan dhabamsiisuu

3 uffata qorraan jiisun itti qabuu

4 hooquu dhiisuu(yoo of dadhabde bakkicha akka hin hooqneef hagooguu)

5 Dibatoota humni madiinummaa akka hin lolle taasisan fayyadamuu(corticosteroids)
ogeessa fayyaatiin isinniif kennamu

6 kan forforii hordofee dhufu sanaaf(sebarrgoiec dermatitis) qorichoota forforii fayyadamuu

7 yeroo qaama dhiqannu “acheto“/cunfaa loomii shinii lama(kubbaayaa 1) bishaanitti goonee dhiqachuunii.

Dr Gado

01/02/2022

Olka'uu dhiibbaa dhiigaa fii haala sasalphoo ittiin of-irraa ittifachuu dandeenyu
Hiikaa- Akkamalee dabaluu dhiibbaa ujummoolee dhiigaa irrattii >(130 siistooli/ 80 daayaastoolii mmHg)
*Siistoolii jechuun yeroo onneen dha'attee, dhiiga gara ujummoollee dhiigaatti dhibdudha
*Daayaastolii jechuun immoo dhahannaa onnee lama gidduutti yeroo onneen keenya haara galfattuufii dhiiga of keessatti guuttatuu dhiibbaa ujummoolee dhiigaa irratti gahuudha.
Haalli ittiin safaramu
#1 Ambulatory BPM -yeroo sochii (galgalaaf ganama)
#2 Office based - al-tokko/ kan biiroo/ kan mana yaalaa (auscultatory device and automated oscillometer)
*olka'uun dhiibbaa dhiigaa silent killer ykn nammoonni baay'ee yoo sakkata'aman malee itti beekamuu dhabuu ykn mallattoo agarsiisuu dhabuu isaatiin beekama.

*Dhiibbaan dhiigaa sirriin (Normal) siistoolikii =80 ta'udha!!

Barreeffamni har'aa keenyaa kan irra caalaan isin beeksisu wantoota nuti akka laayyootti illaallufii haala salphaadhaan dhibee kana nurraa ittisan bifa saayinsaawaa fii qorannooleen mullisaniidhaani.

1. Kiiloo/ ulfaatina qaamaa hir'isuun (BMI keenya 18.5 fi 24.9 gidduutti oolfachuu)
BMI =ulfaatina÷(hojjaa)^2
* ulfaatina keessan yeroo kiiloo 10 hir'iftan dhiibbaan dhiigaa siistoolikii keessan 5-20mmHg dhaan hir'iftu

2. DASH /haala nyaataa ykn soorataa sirreessuu/
*kuduraa fi muduraa fayyadamuun ykn soorataa qabiyyeen 'saturated fat & total fat' isaanii xiqqaa ta'e fayyadamuun dhiibbaa dhiigaa keessan 8-10mmHg hir'iftu.

3. Ashaboo hir'isuu
* guyyaatti

23/12/2021

''Qorratu na dhahe!''
# Dhukkubni Qorra jedhamu ija ogeessa fayyaan akkamitti ilaalama?
Dhugumaan dhukkubni qorra jedhamu ni jiraa?

saayinsiitti dhukkubni of danda'ee qorra jedhamu hin jiru.
garuu, jijjiiramni qilleensaa dhukkuba biroof waan nu saaxiluu maluuf hawaasni keenya garri caalaan qorratu na dhahe, dhukkubni koo qorra jedha.

dhibee of danda'ee ibsamu miti.
garuu yeroo tokko tokko yoo haalaan tempireechara qorraa keessa turre, narvootni gogaa qaama keenyaa irra jiran, tempireechara keessoo qaama keenyaa eguuf jecha jijjjiirama adda addaa uumuu malu.
sunis gogaa irraa eegalee hanga maashaa(muscle) namaatti dhukkubbii fi dhadhabbii yeroof turu fiduu mala.
dhukkubbiin kunis, yeroon booda ofiin bada. sanaaf yeroo baayee hawaasni dawaa dhukkubbii hiri'isu(antipain) fudhatu.

altokko tokko DOGONGORAAN bakkaa bakkatti hawaasni, Dhukkuba Qorraa kan jedhu,dhibeewwan biroo bakka buusuuni.
fkf( Dhibee Sombaa,kan pneumonia jedhamu, dhibee Narvii, inumaa Stroke illee, namootni qorraan walfakkeessan ni jiru.)

Dhuma irratti, Dhukkubni Qorra jedgamu hin jiru.
garuu qilleensi haallaan qorru, dhibee biraaf akka saaxilamnu nu taasisuu danda'a

Fayyaan sabaaf,
@2021 Meelbaa physicians

https://www.facebook.com/102700242269258/posts/108867864985829/?app=fbl  sabaaf,Dr.Gaaddisaa Ibiraahim@ 2021 meelbaa phy...
17/12/2021

https://www.facebook.com/102700242269258/posts/108867864985829/?app=fbl

sabaaf,
Dr.Gaaddisaa Ibiraahim
@ 2021 meelbaa physicians

Wiirtuu dugdaa Banaa( Neural tube defect)

Banamee uumamuun wiirtuu dugdaa daa'imman irratti ni mul'ata. Yeroo ammaa kana biyya keenya keessatti ol ka'aa jira. Wiirtuun dugdaa kan cufamu ulfi uumamee torbaanota 5 jalqabaa keessattidha. Akka carraa tahee sababii garaagaraan utuu hin cufamin ni hafa

Ka'umsa/etiology

1. Haati yoo hanqina nyaataa qabaatte....keessattuu nyaata Folic acid gahaa hin qabne.
2. Qorichoota gaggabsoof fayyadamuu yeroo ulfaa.
3. Dhibee akka sukkaaraa, garmalee furdachuu haadhaa
4. keemikaalota garaagaraa
5. Sababii rakkina jiinii(gene)irratti uumamuun Inzaamoota qaama keessaa xiqqeessan fa'a.

Rakkina akkamii fida?
1. Tokko tokko irratti dhiita'uu dugdaa gara duubaan.
2. Rakkina Narvii wiirtuu dugdaa keessaa waan fiduuf miilli daa'immani akka hin sochoofne taasisa.
3. Kuufamuu bishaan sammuu keessattii (Hydrocephalus) kan jetnu fida.
4. Infeekshinii....yeroo baayyee gogaa qaamaan waan hin haguugamneef salphaatti saaxilama.
5. Gaggabdoo (Epilepsy) daa'imman akka qabaatan taasisa.
6. Saayikooloojii maatii daa'imaa ni miidha.

YAALA/Treatmen

Sadarkaa isaa irratti hundaa'ee yaaliin baqaqsanii hodhuu ni taasifama. Tahuus erga yaalaniin baqaqsanii hodhuu taasifamee booda carraan waggaa 4 ol jiraachuu xiqqaadha( keessattuu banaa fi bishaan sammuu keessaa yoo bahu tahe). Kanniin gogaan(coraan)cufaa tahan isaa ol ni jiraatu

ITTISA/Prevention

1. Yeroo ulfaa hordofii taasisanii Folic acid fudhachuu qabu. Yoo akka carraa tahee daa'ima kana qabu yoo qabaatan carraan kan lammaffaa qabaachuu guddaa waan taheef, haati sun osoo hin ulfaa'iin dursitee baatii 1 fi erga ulfooftee baatii sadii Foleet kan jedhamu san fudhachuu qabdi. Kuni 80% dhibee kana ni hirdhisa.
2. Kanneen qoricha gaggabdoo fudhatan gaafa karoora ulfaahuu qabatan Hakiima isaanii mariisisuu qabu. Sabani isaas qorichoonni gaggabsoo yeroo ulfaa fudhataman of eeggannoo barbaachisu.
3. Yeroo ulfaa hordoffii cimaa taasisuu qabu.sabani isaa ilmoo baasisuu/Termination of pregnancy barbaachisuu waan dandahuuf(keessattu daaima sammuun alaa/anencepahly dhaaf)

  ! @2021 Meelbaa physicians
04/12/2021


!

@2021 Meelbaa physicians

26/11/2021

'ina Dhiigaa (Anemia)

-Dhibeen kun yeroo Dhiigni Diimaa namaa gadi bu'udha. kunis kan ibsamu Heemoogloobiinii kan jedhamu kan laaboraatoriidhaan murtaa'udha.

namatti fida?
1/ Hir'ina nyaataa
Nyaata wantota dhiiga Diimaa qopheessuuf gargaaran of keessaa hin qabne soorachuu fi hir'ini nyaataa mataansaa dhibee kanaaf nama saaxila.
2/Dhiiguu garmalee(acute blood loss)
-kunis yeroo balaan dingataa nama mudatu yoo garmalee dhiiganidha. akkasumas yeroo da'umsaa illee rakkoo mudachuu maludha.
3/Dhukkuba namarra turu
(chronic disease)
-kunis namootni dhukkuba namarra turu, kan akka dhukkuba kalee, Tiruu, Sombaa, kaanseerii fi kkf qaban, sababoota adda addaatiin dhiigni isaanii gadi bu'uu mala.
4) Sababoota armaan oliif kan biroo kan asitti hin tuqamnes ni jiru.

Dhibee Hir'ina dhiigaa
-Dadhabbii garmalee
-Mataa dhukkubbii
-Joonjee(vertigo)
-Gurra irraa nama iyyuu(tinnutus) fi
-Fedhii nyaataa hir'achuun, mallattoolee baayi'naan mullatanidha.

Dhibee Hir'ina Dhiigaa
- Namni mallattoolee armaan olii ofirratti arge kamuu, gara ogeessa fayyaa deemuun, gorsaaf yaalii barbaachisu argachuu qaba.

sabaaf,
@2021 Meelbaa Physicians

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Meelbaa physicians posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Meelbaa physicians:

  • Want your practice to be the top-listed Clinic?

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram