Sembeti Health Center

Sembeti Health Center Buufata bu'aa uummatattif hojjetu

30/09/2022
👉👉👉💗 fulbaana 20/1/2015  buufata fayyaa sambaxii!!!♤♧ guyyaa haaraadha hojjettonni buufata fayyaa sambaxii hundii keenya...
30/09/2022

👉👉👉💗 fulbaana 20/1/2015 buufata fayyaa sambaxii!!!
♤♧ guyyaa haaraadha hojjettonni buufata fayyaa sambaxii hundii keenya har'caatti tokko malee haala kanan duula qulqullina nannoo( infection and prevetion ) geggeessinerra !! Nama qulqullina qabutuu fayyaa gaarii argata. Fayyaa argaadha♤♧!!
♧♤ Fayyaan fayaa!!

17/04/2022

TALBAA FAYYAA KEENYAAF
BU'AAWWAN FAYYAA TALBAA IRRAA ARGANU
1.Dhukkubota onnee gara garaa ittisuuf
✍Omega-3 fatty acid fi amino acid ' talbaan of keessaa qabu fayyummaa hiddoota dhiigaa eeguu fi dhahanna onnee sirreessuun dhibeewwaan onnee nurraa ittisa.
✍Hamma kolistiroolii/cholesterol/ dhiiga keessatti argamu too'aachuun xuraawwaan/plaque/ hidda dhiigaa keessatti akka hin uummamne dhoorka. Haala kanaan dhibee onneef sababa kan ta'u 'Atherosclerosis' nurraa ittisa.
✍ Namoota rakkoo dhahannaa onnee/arrythemia/ qabaniif heddu gargaara.
2.Kaansarii ittisuuf
✍Qorannoo biyya kaanaadaatti godhame' Omega-3 fatty acid fi antioxidents' talbaan qabu kaansariwwaan harmaa, pirosteetii fi mari'imaanii fa'a akka nurraa ittisa mirkaneessa.
✍ Namootni kaansariidhaan qabaman qoricha kennamu cinaatti talbaa nyaata isaanii keessatti yoo dabalan uumriidha turu akka danda'anis himama.
3.Dhukkuba sukkaaraa ittisuu fi too'achuuf
✍Akka bu'aan qorannootti talbaa hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu too'achuun warra dhukkuba sukkaraa qaban ni gargaara.
4). Dubartii dhala dhaabde
✍Dubartii uumamumaan umrii naannoo 49 ti yoo laguun irra dhaabate jijjirama hoormonii dhufuun mallattoo irratti mulla'atan jiru fkn of-ifachuu, miiraa boo'icha, ho'insa qaamaa/dafqa hamaa,rifeensi haphachuu/bubbuqa'uu fi gogaan qoqoncooruu fi kkf. Kanaaf dubartii dawuumsa dhabde talbaa yoo sooratte rakkoo akkasii irraa qolata.
5.Fayyummaa gogaa fi rifeensaaf
✍talbaan fayyummaa gogaa fi rifeensaaf kan ta'an albuudoota fi viitaminoota barbaachisaa of keessa qaba.
✍shifiniina gogaa irratti ba'anii fi hooqsiisaa nurra ittisa.
6.Fayyumaa Garaachaa fi mari'imaaniif
✍talbaan garaa fi mari'imaan waan qulqulleesuuf saamuunaa mari'imaanii jechuun ni danda'ama.
7. Dhiphina sammuu ittisuuf/fooyyesuuf
✍Dhiphina sammuu rakko 'chemical imbalance' n kan dhufan ittisuu fi fooyyee argachuuf talbaa nyaata keessatti dabaluun gaarii akka ta'e qorannoon biyya Jaapaniti godhame ni mulli'isa.

✍Faayidaawwan talbaa kun erga baramee as bara 2010 A.L.A biyya USA fi kaanaadaatti qofa oomisha nyaataf oolan 300 ol keessatti talbaa dabaluun gabaaf dhiyeessuu eegalani.
👍 Talbaa dheedhii yoo nyaatame osoo faayida irra hin oolle boolii waliin bahuu danda'a kanaaf daakuu yk zayitaa isaati fayyadamuun gaariidha.
👉Talbaan bu'awwaan soorataa fayyaa keenyaaf gaarii kan ta'an hedduun kan badhaadheedha; isaan keessaa muraasni: omega-3 fatty acid,protein,fiber,vitamin B1,B6; selenium,copper,potassium,magnesium,manganese ,phosphorous..
👉 Daakuu talbaa falla'ana shoorbaa tokko irraa 'Omega-3 fatty acid' giraama 1.8 arganna.
🙏ERGAA KIYYA: Yeroo ammaa kana namni talbaa baay'ee hin fayyadamu. Kanaaf namoonni mana nyaataa fi mana cuunfaa qabdan haala itti talbaa nyaata cinaati, nyaata keessatti fi cuunfaawwaan kessatti dabaluun ummataaf itti dhiyeessitan irrati osoo yaadanii. Akkas gochuun ofiifis ummatafis fayyidaa argamsiisa.

17/04/2022

Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa gama fayyaatiin.
**************************
Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fayyaa ta’anii fi umuriin isaanii ga’e akka sooman beekamaadha. Yeroo hedduu nyaatni guyyaatti al lama qofa, yeroo iftar (galgala) fi suhoor (yoo bari’uu jedhu kan) nyaatama. Jireenyi hawaasaa ammoo kan duraanii calaatti si’awaa fi mi'aawaa, kan namoonni hedduun walgaafatan, maatii firoottan waldubbisan walargan, namoota harka qalleeyyii fi haalli hawaasdinagdee kan biroo itti wal gaafataniidha, kan bara kana koroonaan nu dhorke akkuma jirutti ta'ee jechuudha. Namoonni tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa waan rafaniif, sochiin waan hir’isuudhaan kan duraanii irra furdachuu malu. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau.

1. BISHAAN (WATER)
♡ Walumaa galatti yeroo ramaadaanaa kana bishaan ga’aa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama dha. Bishaan yoo xiqqaate haga fuullee (burcuqqoo kan jedhan san) kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
♡ Nyaata akka watermelon ykn hab hab jedhamu kan bishaan hedduu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii ga’aa guyyaa guyyaatti argachuuf hedduu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.
♡ Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi kokaakollaa irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaanii bishaan hedduu nama keessaa yaasuun hir’ina bishaan qaama keessaa (dehydration) dhaaf nama saaxilu waan ta'eefidha.
♡ Ramaadanni biyyootaa fi baroota addaa addaatti haala qilleensaa fi dheerina guyyaaf halkaniin gargarii waan qabaatuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa’aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta’uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho’aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan irra xiqqoo haa taatu malee ni caalaa. Kanaaf akka bishaan karaa dafqaa fi kan biroo qaama keenya keessaa hin dhumne, bakka gaaddisa bareedaa qabu keessa turuu fi aduutti ba’uu dhiisuun hedduu nu gargaara.

2. IFTAR
♡ Iftar irratti nyaata annisaa gaarii qabuu fi fayya qabeessa ta’e soorachuu qabna.
♡ Yeroo hedduu tamiirii (dates) ija sadii nyaachuun, akka fayyaattis hedduu gaarii kan ta’ee fi iftar irrattis kan sooratamuudha. Tamiiriin nyaata rafeejii (fibre) hedduu barbaachisu of keessaa qabudhas.
♡ Kuduraalee fi muduraalee ga’aa nyaata keenyatti dabalachuun viitaaminootaa fi neutrientota addaa addaa argachuuf hedduu nu gargaara.
♡ Nyaata midhaanii (whole grain) akka qamadii, garbuu, ruuzii, boqolloo, xaafii fi kkf irraa hojjataman kan anniisaa guddaa fi faayiberii gaarii qaban iftar irratti soorachuun filatamaadha.
♡ Foon (coomaa hin qabne), lukkuu (gogaa ishee irraa hambisuun) fi qurxummii yoo argaman soorachuun qaamni keenya pirootina ga’aa akka argatu gargaara.
♡ Nyaanni waarshaa keessatti oomishamanii golgamanii suuqota addaa addaa irraa gurguraman fi sooratni sukkaara hedduu of keessaa qaban hin gorfaman.
♡ Soorata yoo soorannu akka humnaa ol nutti hin taanetti, daddafnee nyaannee of rakkisuu irra, suuta jennee yeroo dheeraa nyaachuutu filatama.

3. SUHUUR
♡ Nyaata salphaa ittiin sooma eegallu nyaachuun hedduu gorfama, keessumaa namoota umuriin hedduu raagan, ijoollee soomuu filatan, dubartoota harma hoosisanii kan soomuu filatanii fi kkf niif hedduu barbaachisaadha.
♡ Nyaati suhuuriif nyaatamu kana keessatti, kuduraalee fi muduraalee, nyaata kaarboohydratii qaban akka daabboo fi nyaata pirootina of keessaa qaban akka bu’aalee loonii, hanqaaquu fi avokaadoo dabaluun ni gorfama.

4. HAALA NYAATA WALII GALAA IRRATTI
♡ Nyaata sukkaara hedduu of keessaa qaban erga iftar nyaannee booda nyaachuun hin gorfamu.
♡ Nyaata cooma hedduu ofkeessaa qaban sooraachuu irraa of qusachuu ykn hedduu xiqqeessuu qabna.
♡ Nyaata ashaboo hedduu of keessaa qabu soorachuu irraa ofqusachuu akkasumas ammoo nyaata yoo hojjannu ashaboo hedduu itti dabaluu dhiisuu qabna.
♡ Nyaanni yoo garmalee guddisanii nyaatanii fi daddafanii nyaatan laphee gubaa fi miira namatti hin tolle hedduu waan namatti dhageessisuuf, suuta jennee haga nu ga’u qofa nyaachuudha.
♡ Haga danda’ame bakka tokko taa’aa yeroo dheeraa turuu irraa ofqusachuu fi waan akka deemsaa (walk) yeroo yerootti baay’isuun fayyaaf ni gorfama.

5. HAALOTA ADDAA
5.1 Dhukkuba Sukkuuraa
♡ Namoonni dhukkuba sukkaaraa keessumaa ammoo dhukkuba sukkaaraa isa gosa 1ffaa (kan yeroo baa’yee ijoollee fi dargaggoo hubu ykn type 1 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban akka soomuu hin filanne gorfama.
♡ Namoonni dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaffaa (kan yeroo hedduu namoota ga’eessota waggaa 30 olii hubu ykn type 2 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban ammoo yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.2 Dhiibbaa Dhiigaa
Namoonni dhukkuba dhiibbaa dhiigaa qabanis yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.3 Haadholii ulfaa fi harma hoosisan
♡ Karaa amantii soomaaf kaadhimamoo akka hin taane akkuma jirutti ta'ee, yoo tarii akka tasaa soomuuf murteessan, dirqama hakiima isaan yaalu waliin dursanii mari'achuu qabu.

6. FAKKEENYA (EXAMPLE) NYAATAA IFTAR fi SUHUUR
6.1 Fakkeenya (examples) nyaata iftariif qophaa’uu:
♡ Shoorbaa kuduraalee kan manaatti hojjatame (kan daakuu suuqii irraa bitamuun hojjatamu osoo hin taane jechuudha).
♡ Salaaxaa magariisa.
♡ Fuduraalee walitti makaman (squash/eggplant/grape leaves).
♡ Foon lukkuu
♡ Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni bishaanichaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
6.2 Fakkeenya (examples) nyaata suhuuriif qophaa’uu:
♡ Daabboo muraa lama.
♡ Hanqaaquu sirriittii bilchaate (bilchaate).
♡ Sliced vegetables from two vegetables.
♡ Chiisii (bu’aa loonii).
♡ Gosoota shayii addaa addaa kan kaafeenii ofkeessaa hin qabne.
♡ Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni isaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
**************************
Ramadaan Mubaarak, Ifaara Gaarii!!!
©Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa
Ebla 15, 2022 G.C
Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)

17/04/2022

VITILIIGOON: Yaala qabaa? Ni daddarbaa?
******************************
Dhukkubni kun vitiliigoo jedhama, halluu gogaa namaa addeessudhaan nama huba. Kunis seelonni gogaa namaa kan halluu oomishan kan melanocytes jedhaman yoo dudu’an yokaan yoo hojii dhaabanidha. Dhukkubni kun waltuttuquudhaan namarraa naatti HIN DADDARBU! Lubbuu galaafachuuf kan ga’us miti, garuu miidhagina balleessuudhaan ofitti amantummaa namaa miidhuu danda’a.
YAALA
1. Qorichaan: Vitiliigoo qorichaan guutummaatti yaalaan balleessuun yeroo baay'ee kan hin danda'amne yoo ta'u, akka hin babballanneef, yoo danda'ame ammoo akka xiqqatuuf qorichi ni kennama. Qorichi kennamu kunis haga babbal'ina vitiliigoo kanaa irratti hundaa'uun kan dibatamu ykn liqimfamuudha. Sana ogeessa fayyaatu adda baasee ajaja.
2. Yaala baqaqsanii yaaluu: kunis gogaa bakka seelota vitiliigoo kanaan hin hubamiin irraa fuudhanii bakka hubame kanatti suphuun yaaluudha.
*********************************************
FAYYAAN FAAYA
Dr Gurmeessaa

17/04/2022

BISHAAN GA'AA!!!
******************
â—Ź Bishaan nama tokkoof guyyaatti barbaachisu haga kana jechuun rakkisaadha. Sababni isaas, haala qilleensaa (ho'aa fi qorraa), haala hojii (hojii cimaa nama dafqisiisu fi hojii salphaa) fi kkf irratti hundaa'ee wal caala waan ta'eef. Haa ta'u malee namni ga'eessi tokko guyyaatti bishaan litira 2 haga 3 akka dhugu ni gorfama.
â—Ź Bishaan kan dhuguu qabnu osoo qaamni keenya "dheebodhe" jedhee nutti hin himiin ta'u qaba. Kana gochuun ammoo faayidaalee armaan gadii kana qaba!
*********************
1. Goguu mar’umaanii (constipation) ittisuu keessatti gahee qaba.
2. Dhukkuba kalee kan kidney stone jedhamu kan waanti akka cirrachaa kalee keessatti walitti kuufamuun hedduu nama dhukkubsitu dandeettii akka hin uumamneef gargaaruu qaba. Kana malees kaleen hojii xuraawaa qaama baasuu akka sirriitti hojjatu taasisa.
3. Hojii keenya guyyaa guyyaa keessumattuu warren hojii humnaa hojjatan hojii isaanii irratti akka hin dadhabne gargaara.
4. Mataa dhukkubbii ykn mataa bowwuu dandeettii nurraa ittisuu qaba.
5. Dandeettii waa yaadachuu fi yaaduu irratti sammuun keenya bishaan sirriitti argachuun baayyee barbaachisaadha.
6. Ulfaatina qaamaa humnaa ol ta’e hir’isuu irratti ni gargaara.
7. Namoota alkoolii dhuganiif miira nama jibbisiisu kan erga alkoolii dhuganii booda namatti dhufu (hangover) ni ittisa.
***************
Fayyaan faaya

Address

Burka Dhintu
Tefe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sembeti Health Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Sembeti Health Center:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram