22/09/2025
VAAYIRASII TIRUU 'B' - Hepatitis B Virus
******************************************
Vaayirasiin Tiruu B (Hepatitis B)n kun kulkulfannaa tiruu hammaataa ta'e fiduu kan danda'udha. Namoota tokko tokko irratti dhukkuba tiruu yeroo dheeraaf (ji'a jahaa oliif) nama wojji jiraatu fida. Dhukkuba Tiruu yeroo dheeraaf nama wojji jiraatu kana fiduun isaa ammoo carraa tiruun dalagaa ishee dadhabuu, gadaannisa uumtee hafuu, fi carraa kaansarii tiruu horachuu qabaata.
***********************************************
Haa ta'u malee namoota Vaayirasii kanaan qabaman keessaa hedduun isaanii ji'a jahaa gaditti carraa sirni ittisa qaama isaanii Vaayirasicha dhiiga keessaa qulqulleessuu/balleessuu qabaata. Carraa kana ammoo wonti ijoon murteessu umrii Vaayirasichaaf itti saaxilamaniidha. Umriin itti saaxilamne xiqqaa yoo ta'e carraan dhukkuba tiruu hammataafii yeroo dheeraa (jireenya guutuu) nama wojji jiraatu qabaachuu keenya olka'aa ta'a.
---
Fakkeenyaaf namni tokko dhalatee woggaa jalqabaatti Vaayirasii Tiruu B kanaan yoo qabame carraan namni kun dhukkuba tiruu hammaataafi yeroo dheeraa nama irra turu horachuu isaa %80-90 gaha; garuu yeroo umrii ijoollummaa (hanga woggaa jahatti) yoo vaayirasichi qaama seene ammo carraan dhukkuba tiruu yeroo dheeraafi hammataa horachuu %30-50 qofa, yeroo umrii ga'eessummaa ykn maanguddummaa ammoo carraan dhukkuba tiruu yeroo dheeraa nama wojji jiraatu qabaachuu %10 gadi ta'a jechuudha.
---
Isaan dhukkuba tiruu yeroo dheeraa horatan kana keessaas muraasa isaanii qofatu carraa xaxaawwan dhukkubichaa kan akka Tiruun dadhabuu, godaanisoofte hafuufi carraa kaansarii tiruu horachuu qabu.
Ummata adunyaa keessaa tokko sadaffaa kan ta'an (Biiliyoonaa lamaa ol kan ta'an) jireenya isaanii keessatti yeroo wohiitti vaayirasii kanaaf ni saaxilamu, isaan saaxilaman kana keessaa garuu miliyoonaa 350-400 kan ta'an qofatu dhukkuba tiruu yeroo dheeraa nama wojji jiraatu kana horata. Isaan horatan kana keessaa ammoo wogga-woggaan Miliyoona tokkotti kan hiiqan sab