WMC

WMC Private

ALTIRAASAAWUNDII(Sonogram)×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×❖ Soonogiraafiin tajaajila fayyaa keessatti qorannoo namoota hedduu...
21/01/2026

ALTIRAASAAWUNDII(Sonogram)
×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×
❖ Soonogiraafiin tajaajila fayyaa keessatti qorannoo namoota hedduuf godhamu dha. Tajaajila qorannoo fi yaalaaf ni oola. Kan hojjatus danbalii sagalee dhageettii gurra namaatii ol ta’e fayyadamuudhaani.

❖ Qorannoon Altiraasaawundii caarallaa qaama miidhu (ionizing radiations) HIN qabu. Kanaaf, qorannoo ulfaatiif filatamaa dha.

❖ Qaamota akka tiruu, Rajiijii, Barxaxxee, Kalee, Hadhooftuu, Afuuffaa fincaanii, Piroosteetii, fi Gadaamessaa ilaaluun, rakkoo jiru adda baasuuf gargaara. Firiin garuu dandeettii nama ilaaluu ykn qoratuu san irratti hundaa’a.

❖ Altiraasaawundiin onnee (Echo) sosochii maashaa fi valvii, bal'ina kutaalee onnee, hamma dhiigaa onnee seenuu fi bahu, dhiita’aa fi kantaruu dhiigaa onnee keessaa qorachuuf gargaara.

Altiraasaawundiin wal'aansa (yaala) irrattis, faayidaalee akka:
➢ Meeshaaleen yaalaaf oolan qaama keessatti iddoo barbaadamanitti, altiraasaawundiin ilaalaa kaa'uuf ykn qoricha kennuuf.
➢ Osoo opireeshiiniin (baqaqsanii) hin banin, qaamota keessaa irraa waan akka siriinjii (lilmee) fayyadamuun samuuda qorannoof fuudhachuuf.
➢ Danbalii sagalee cimaa ta’e fayyadamuun, tishuuwwan sochosuu fi hoo’isuuf, dhiiga kantare bittinsuuf (facaasuuf) tajaajiluu danda’a.

011-366 38 77
0915-95 93 83
Credit : Dr N.L.

HakiimaMariisisaa...011-366 38 77/0920-55 11 66
18/01/2026

HakiimaMariisisaa...
011-366 38 77/0920-55 11 66

SOCHII QAAMAA (PHYSICAL EXERCISE) FI FAYYAA!Sochiin qaamaa, dalaguuf salphaa ta'ee fayyaa keenyaafis baay'ee muurteessaa...
12/01/2026

SOCHII QAAMAA (PHYSICAL EXERCISE) FI FAYYAA!

Sochiin qaamaa, dalaguuf salphaa ta'ee fayyaa keenyaafis baay'ee muurteessaa dha.
Faaydaawwansaa keessaas :-

1. Dhibee onnee Ittisa :-
Dhiibbaa dhiigaa, Kolestiroolii fi Dhibee Sukkaaraa ittisuun fayyummaa Onneef
ni gargaara.

2. Kaalorii kuufame gubuudhaan ulfaatina qaamaa to’achuuf gargaara.

3. Lafee jabeessuun Haphachuu Lafee (Osteoporosis) ni hir'isa.

4. Fayyaa Sammuuf:- Dhiphina sammuu (stress) fi yaaddoo hir'isuun miira gammachuu dabala.

5. Dhukkuba Sukkaaraa too'achuuf:– Qabiyyee sukkaaraa dhiiga keessa
jiru ni hir'isa.

6. Hirriba gaarii fi boqonnaa qaamaaf
ni gargaara.

7. Sirna hargansuu fi dhahannaa Onnee too'achuun qaamni Oksijiinii gahaa akka argatu gargaara.




011-366 38 77
0920-55 11 66
0915-95 93 83

HIR'INA VAAYTAAMIN B12 × #× #× #× #× #× #× #× #×MALLATTOOLEENSAA1. Qaamni, Harkaa fi miilli/Lukti miira Waraanuu, Gubuu ...
11/01/2026

HIR'INA VAAYTAAMIN B12
× #× #× #× #× #× #× #× #×
MALLATTOOLEENSAA

1. Qaamni, Harkaa fi miilli/Lukti miira Waraanuu, Gubuu namatti dhaga'amuu.

2. Daddafanii waa Irraanfachuu, Sababaan yaaduu dadhabuu.

3. Salphaatti Aaruu, Dheekkamuu, of-jibbuu, Mukuu (Depression)

4. Dadhabbii garmalee fi hojiif yoo socho'an afuurri nama cituu.

5. Onneen daddaffii fi humnaan dhahachuu.

6. Feedhii nyaataa dhabuu, ulfaatinni qaamaa hir'achuu, teessisuu/garakaasuu fi Ol-Cabsuu/balaqqamsiisuu.

7. Afaan keessa dhukkubuu/madaa'uu /nama gubuu.

8. Rakkoo madaala qaamaa(balance) eeganii tarkaanfachuu dadhabuu.

× #× #× #× #× #× #× #× #× #×

WANTOOTA SABABA TA'AN...

1. Dhibee garaachaa fi mar'immaanii xuuxamuu vit-B12 ittisan kan akka : Atrophic Gastritis, Crohn's disease fi kkf.

2. Dhibee hir'ina dhiigaa 'Pernicious anemia' jedhamu qabaachuu.

3. Qoricha dhibee garaachaa farra asiidii ta'an yeroo dheeraaf fudhachuu.

4. Baqaqsanii yaaluun garaachaa dhibeewwan biraaf godhaman.

5. Umuriin dulloomuu fi Kuduraa fi Muduraa qofa Soorachuu.

×+×+×+×+×+×+×
MADDOOTA VIT-B12 KEESSAA...

Heddumminaan bu'aa beeyladaa
kan akka:
-Killee
-Foon diimaa
-Qurxummii
-Foon lukkuu ... Yoo ta'an,
Hammi vaaytaaminichaa haalaan hir'annaan garuu mana yaalaa deemuun vit-B12 bifa qorichaan qophaa'e fudhachuun DIRQAMA ta'a.



☎️011-366 38 77
📲0920-55 11 66
0915-95 93 83

MATA-DHUKKUBBII fi GOSOOTA ISAAMata-dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kan armaan gadii Sadeen warreen hawaas...
08/01/2026

MATA-DHUKKUBBII fi GOSOOTA ISAA

Mata-dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kan armaan gadii Sadeen warreen hawaasa baay'inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabu dha.

1. MATA-DHUKKUBBII
MAAYIGIREENII
(Migraine Headache) :
-Dhukkubbiinsaa baay'ee hamaa fi kan hojiirraallee nama hambisu dha. Mata-dhukkubbii yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dhahatu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, takka eegallaan sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegaluu danda'u dha. Mallattoolee dabalataa, kan akka Ol-Cabsuu(Balaqqamsiisuu), Nyaata jibbisiisuu fi Ijaan ifa ilaaluu dadhabuullee qaba. Takka takka mata-dhukkubbiin kun jalqabuusaatiin dura mallattoolee akka Ijatti Balaqqeessa’uu, Sararawwan zig-zaag fakkaatan ijatti mul’achuu fi Dubbachuu dadhabuu fi kkf argisiisa. Yeroo kanas namoonni dhibichi akka itti ka'uuf jedhu ni beeku.
Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: Garmalee Yaadda’uu ykn Muddamuu, Dhugaatii Alkoolii, Beela’uu fi Dheebochuu, Hirriba dhabuu ykn Baay'isuu, Laguun ji'aa yoo dhufu, Sagalee ol-ka’aa fi nama jeequ, Ifa cimaa ilaaluu, Foolii badaa fuunfachuu fi kkf. Akkuma dhuunfaatti wantoota nutti kaasan beeknee irraa fagaachuu qabna. Kanarra darbee Jireenya Idileerratti miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha Sasalphaa mata-dhukkubbiif fudhannuun dhiisuu dide Hakiima dubbisuun qoricha nuuf ajajamu fudhachuu qabna.

2. MATA-DHUKKUBBII TEENSHINII (Tension Headache)
-Guutummaa mataa keenyaa kan dhukkubuu fi dhukkubbii salphaa ta’ee, hojii idilee kan nama hindhorkine dha. Mallattoo dabalataas hin qabu, mata-dhukkubbii qofa! Qorichoota hawaasni mata-dhukkubbiif fudhatu akka Paaraasetaamoolii fi kkf fudhachuun kan nama dhiisu dha. Ka’umsi isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus Muddamuu, Dheebochuu fi Beela’uufaa waliin walqabata.

3. MATA-DHUKKUBBII KILASTARII (Cluster Headache) :
Gosoota mata-dhukkubbii bal'aa 'trigeminal autonomic cephalgia' jedhamu keessatti kan argamu ta'ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan akka: Imimmaan dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caalu dha. Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, tasuma akka ibiddaa kan namarra bu’u dha. Sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufu yoota'u hirriba keessaallee nama kaasuu danda'a. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, sanyiidhaan akkka darbu ibsama. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan jiru.


#ወሊሶክሊኒክ
011-366 38 77
0920-55 11 66
0915-95 93 83
0799-95 93 83
Fayyaan Faaya.
Credit : Dr. Gurmeessaa

X-Mas
07/01/2026

X-Mas

05/01/2026

5129 Followers, 129 Following, 18.0k Likes - Watch awesome short videos created by Dr. Nasis Dental Clinic

30/12/2025

29/12/2025



 011-366 38 77 0920-55 11 66 0915-95 93 83
28/12/2025


011-366 38 77
0920-55 11 66
0915-95 93 83

P.A. in a 60yo Pt
23/12/2025

P.A. in a 60yo Pt

Hemorrhoid Surgery
19/12/2025

Hemorrhoid Surgery

Address

Walisoo
Woliso

Opening Hours

Monday 08:00 - 20:00
Tuesday 08:00 - 20:00
Wednesday 08:00 - 20:00
Thursday 08:00 - 20:00
Friday 08:00 - 20:00
Saturday 09:00 - 19:00
Sunday 09:00 - 18:00

Telephone

+251920551166

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WMC posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to WMC:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram