WMC

WMC Private

ESF
16/02/2026

ESF

Check out DrEla_’s video.

14/02/2026

26 likes, 15 comments. “ ”

14/02/2026

43 likes, 21 comments. “ 🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹 ”

Tiktok አካውንቴን Ban ስላደረገው... በዚህ በአዲሱ Account ተከታተሉኝ 🙏🏿🙏🏿🙏🏿ThankYou.Tiktok Account Kiyya Ban Waan Godheef, Account Haaraa...
09/02/2026

Tiktok አካውንቴን Ban ስላደረገው... በዚህ በአዲሱ Account ተከታተሉኝ 🙏🏿🙏🏿🙏🏿ThankYou.
Tiktok Account Kiyya Ban Waan Godheef, Account Haaraa kanaan NaHordofaa🙏🏿🙏🏿🙏🏿ThankYou.

0 Followers, 0 Following, 2 Likes - Watch awesome short videos created by DrEla_

🙏🏿🙏🏿🙏🏿
04/02/2026

🙏🏿🙏🏿🙏🏿

03/02/2026

38 likes, 10 comments. “ 🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹 ”

26/01/2026

105 likes, 9 comments. “ 🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹 @40”

23/01/2026

550 likes, 75 comments. “ 🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹 ”

ALTIRAASAAWUNDII(Sonogram)×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×❖ Soonogiraafiin tajaajila fayyaa keessatti qorannoo namoota hedduu...
21/01/2026

ALTIRAASAAWUNDII(Sonogram)
×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×+×
❖ Soonogiraafiin tajaajila fayyaa keessatti qorannoo namoota hedduuf godhamu dha. Tajaajila qorannoo fi yaalaaf ni oola. Kan hojjatus danbalii sagalee dhageettii gurra namaatii ol ta’e fayyadamuudhaani.

❖ Qorannoon Altiraasaawundii caarallaa qaama miidhu (ionizing radiations) HIN qabu. Kanaaf, qorannoo ulfaatiif filatamaa dha.

❖ Qaamota akka tiruu, Rajiijii, Barxaxxee, Kalee, Hadhooftuu, Afuuffaa fincaanii, Piroosteetii, fi Gadaamessaa ilaaluun, rakkoo jiru adda baasuuf gargaara. Firiin garuu dandeettii nama ilaaluu ykn qoratuu san irratti hundaa’a.

❖ Altiraasaawundiin onnee (Echo) sosochii maashaa fi valvii, bal'ina kutaalee onnee, hamma dhiigaa onnee seenuu fi bahu, dhiita’aa fi kantaruu dhiigaa onnee keessaa qorachuuf gargaara.

Altiraasaawundiin wal'aansa (yaala) irrattis, faayidaalee akka:
➢ Meeshaaleen yaalaaf oolan qaama keessatti iddoo barbaadamanitti, altiraasaawundiin ilaalaa kaa'uuf ykn qoricha kennuuf.
➢ Osoo opireeshiiniin (baqaqsanii) hin banin, qaamota keessaa irraa waan akka siriinjii (lilmee) fayyadamuun samuuda qorannoof fuudhachuuf.
➢ Danbalii sagalee cimaa ta’e fayyadamuun, tishuuwwan sochosuu fi hoo’isuuf, dhiiga kantare bittinsuuf (facaasuuf) tajaajiluu danda’a.

011-366 38 77
0915-95 93 83
Credit : Dr N.L.

HakiimaMariisisaa...011-366 38 77/0920-55 11 66
18/01/2026

HakiimaMariisisaa...
011-366 38 77/0920-55 11 66

SOCHII QAAMAA (PHYSICAL EXERCISE) FI FAYYAA!Sochiin qaamaa, dalaguuf salphaa ta'ee fayyaa keenyaafis baay'ee muurteessaa...
12/01/2026

SOCHII QAAMAA (PHYSICAL EXERCISE) FI FAYYAA!

Sochiin qaamaa, dalaguuf salphaa ta'ee fayyaa keenyaafis baay'ee muurteessaa dha.
Faaydaawwansaa keessaas :-

1. Dhibee onnee Ittisa :-
Dhiibbaa dhiigaa, Kolestiroolii fi Dhibee Sukkaaraa ittisuun fayyummaa Onneef
ni gargaara.

2. Kaalorii kuufame gubuudhaan ulfaatina qaamaa to’achuuf gargaara.

3. Lafee jabeessuun Haphachuu Lafee (Osteoporosis) ni hir'isa.

4. Fayyaa Sammuuf:- Dhiphina sammuu (stress) fi yaaddoo hir'isuun miira gammachuu dabala.

5. Dhukkuba Sukkaaraa too'achuuf:– Qabiyyee sukkaaraa dhiiga keessa
jiru ni hir'isa.

6. Hirriba gaarii fi boqonnaa qaamaaf
ni gargaara.

7. Sirna hargansuu fi dhahannaa Onnee too'achuun qaamni Oksijiinii gahaa akka argatu gargaara.




011-366 38 77
0920-55 11 66
0915-95 93 83

HIR'INA VAAYTAAMIN B12 × #× #× #× #× #× #× #× #×MALLATTOOLEENSAA1. Qaamni, Harkaa fi miilli/Lukti miira Waraanuu, Gubuu ...
11/01/2026

HIR'INA VAAYTAAMIN B12
× #× #× #× #× #× #× #× #×
MALLATTOOLEENSAA

1. Qaamni, Harkaa fi miilli/Lukti miira Waraanuu, Gubuu namatti dhaga'amuu.

2. Daddafanii waa Irraanfachuu, Sababaan yaaduu dadhabuu.

3. Salphaatti Aaruu, Dheekkamuu, of-jibbuu, Mukuu (Depression)

4. Dadhabbii garmalee fi hojiif yoo socho'an afuurri nama cituu.

5. Onneen daddaffii fi humnaan dhahachuu.

6. Feedhii nyaataa dhabuu, ulfaatinni qaamaa hir'achuu, teessisuu/garakaasuu fi Ol-Cabsuu/balaqqamsiisuu.

7. Afaan keessa dhukkubuu/madaa'uu /nama gubuu.

8. Rakkoo madaala qaamaa(balance) eeganii tarkaanfachuu dadhabuu.

× #× #× #× #× #× #× #× #× #×

WANTOOTA SABABA TA'AN...

1. Dhibee garaachaa fi mar'immaanii xuuxamuu vit-B12 ittisan kan akka : Atrophic Gastritis, Crohn's disease fi kkf.

2. Dhibee hir'ina dhiigaa 'Pernicious anemia' jedhamu qabaachuu.

3. Qoricha dhibee garaachaa farra asiidii ta'an yeroo dheeraaf fudhachuu.

4. Baqaqsanii yaaluun garaachaa dhibeewwan biraaf godhaman.

5. Umuriin dulloomuu fi Kuduraa fi Muduraa qofa Soorachuu.

×+×+×+×+×+×+×
MADDOOTA VIT-B12 KEESSAA...

Heddumminaan bu'aa beeyladaa
kan akka:
-Killee
-Foon diimaa
-Qurxummii
-Foon lukkuu ... Yoo ta'an,
Hammi vaaytaaminichaa haalaan hir'annaan garuu mana yaalaa deemuun vit-B12 bifa qorichaan qophaa'e fudhachuun DIRQAMA ta'a.



☎️011-366 38 77
📲0920-55 11 66
0915-95 93 83

Address

Walisoo
Woliso

Opening Hours

Monday 08:00 - 20:00
Tuesday 08:00 - 20:00
Wednesday 08:00 - 20:00
Thursday 08:00 - 20:00
Friday 08:00 - 20:00
Saturday 09:00 - 19:00
Sunday 09:00 - 18:00

Telephone

+251920551166

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WMC posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to WMC:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram