Dr. Galataa, DVM

Dr. Galataa, DVM Gorsa Ogeessaa, Milkaa'ina Horsiisaa!
“Horsiisa milkaa'aaf, fayyummaan Beeyiladaa murteessaa dha!”

https://t.me/drgalataa

🏗️ Ijaarsa Mana Lukkuu: Mala Batirii (Battery Cage System)oomish*tummaa lukkuu killee (layers) dabaluuf gosti mana ati i...
04/03/2026

🏗️ Ijaarsa Mana Lukkuu: Mala Batirii (Battery Cage System)

oomish*tummaa lukkuu killee (layers) dabaluuf gosti mana ati ijaartu murteessaadha. Keessattuu horsiisa ammayyaa keessatti Malli Batirii (Battery Cage System) bakka xiqqoo irratti lukkuu baay'ee horsiisuuf filatamaa dha.

Malli kun lukkuuwwan killee buusan keessatti (cages) shiboodhaan tolfaman keessa galchuun kan hojjetamu dha. Maaliif filatama? Sababni isaas, lukkuun dhoqqee ishee waliin wal-hin tuqxu (dhibee hir'isa), killeen salphatti sassaabama, akkasumas nyaata hin qisaasessitu.

🔍 Gosoota Mala Batirii Beekamoo
Malli ijaarsa cage kanaa akkaataa qilleensa itti galuu fi dhoqqeen itti sassaabamu irratti hundaa'ee bakka 5tti qoodama:

1️⃣. Filaat Deskii (Flat Desk Battery System)
Malli kun dacha (layer) tokko qofa kan qabu dha. Cages hundi wal-qixatti lafa irra tooraan ijaaramu.
✅ ️Faayidaa: Hordoffii lukkuu tokko tokkoof baay'ee salphaa dha.
☑️ Hanqina: Bakka baay'ee fudhata; lukkuu baay'ee itti horsiisuun hin danda'amu.

2️⃣. Kaliforniyaa (California Battery System)
Malli kun dacha (levels) 2 hanga 3 qabaachuu danda'a. Garuu, dachaan gubbaa jiru kan jalaa jiru irraa xinnoo gara duubatti ️dhiibamee (stepped/offset) ijaarama.
✅️ Faayidaa: Dhoqqeen dachaa gubbaa jiru irraa gara dachaa jalaa jiru irratti hin kuufu; qulqullinaaf gaariidha.

3️⃣. Kompaaktii (Compact Battery System)
Malli kun cages wal-irra (vertical) butummaan ijaaramanii dha. Dachaa jalaa fi gubbaa gidduu bakki bal'aan hin jiru.
✅ ️Faayidaa: Bakka baay'ee xiqqoo irratti lukkuu kumaatama horsiisuuf gargaara.
☑️ Hubachiisa: Dhoqqee sassaabuuf "conveyor belt" (shabaqa socho'u) barbaada.

4️⃣. Piraamidii (Pyramid Battery System)
Malli kun dachaawwan baay'ee qabaatee akka Piraamidiitti gubbaa irratti dhiphachaa deema.
✅️ Faayidaa: Qilleensaa fi ifa aduu hundaaf wal-qixatti akka gahu gargaara.

5️⃣. Taayerii (Tiered Battery System)
Malli kun dachaawwan wal-irra ciisan (multi-tier) kan qabu yoo ta'u, dachaawwan gurguddoo 4 hanga 8 qabaachuu danda'a. Baay'inaan gamoowwan gurguddoo keessatti itti fayyadamu.

📊 Maaliif Mala Batirii Fayyadamna? (Madaallii Ogeessaa)
✔️ Malli kun lukkuu baayyee oomishuuf isa lafaa irra filatamaadha.
✔️ Dhibeewwan garaagaraa akka salphatti hin uumamneef isa lafaa irra filatamaadha fknf dhibee akka coccidiosis.
✔️ Qisaasama nyaataa xiqqeessuufi hedduu filatamaadha.
✔️ Killee qulqullina qabdu sassaabbachuufi karaa salphaan sassaabuuf hedduu filatamaadha.

⚠️ Hubannoof:
🗣 Animal Welfare: Malli kun oomishaaf gaarii ta'us, lukkuun akka fedha isheetti akka hin sochoone waan dhowwuuf, yeroo baay'ee lafeen isaanii ni laafa (Cage layer fatigue). Kanaafuu, madaala albuudaa (Calcium & Phosphorus) nyaata keessatti eeguun dirqama.
➡️ Qilleensa (Ventilation): Malli Batirii lukkuu baay'ee waan walitti qabuuf, hargansuu isaaniitiin ho'i mooraa keessatti akka hin uumamneef qilleensa gahaa uumuun (fans fayyadamuu) barbaachisaadha.

✍ Dr. Galataa, DVM

🌧️ Talaallii Beeyladaa: Qophii Yeroo Jijjiirama WaqtiiWaqtiin roobaa ykn Badheessaa ykn Gannaa, beeyilada keenyaaf madda...
03/03/2026

🌧️ Talaallii Beeyladaa: Qophii Yeroo Jijjiirama Waqtii

Waqtiin roobaa ykn Badheessaa ykn Gannaa, beeyilada keenyaaf madda marga lalisaa fi bishaanii ta'us, gama biraatiin ammoo yeroo itti dhukkuboonni daddabboon hedduun itti ka'aniidha. Jiidhinni fi jijjiiramni qilleensaa kuni madda baakteeriyaa, vaayiraasii fi dhibeewwan biroo ta'uu danda'a.

Hojiin keenya inni guddaan "Utuu hin dhufin ittisi" ta'uu qaba. Akkuma beekkamu, ogeessa fayyaa beeyiladaa biratti talaalliin dhibee ittisuuf fala isa duraati. Talaalliin 'Inshuraansii' beeylada keetiiti. Osoo dhibeen hin ka'in dura talaalchisuun baasii qorichaa fi kisaaraa du'atii irraa si oolcha. Keessattuu loon kee waqtii roobaa kana keessa bakka dhoqqee fi qabbana irraa fageessuun, humna ittisa dhibee isaanii (Immunity) cimsun barbaachisaadha.

Yeroo qilleensi jijjiiramu kanatti, keessattuu beeyilada keessan dhibeewwan armaan gadii irraa eeguun dirqama:

1️⃣. Abbaa Sanga (Anthrax) fi Abbaa Gorbaa (Blackleg)
Dhibeen kunniin "Soil-borne diseases" jedhamu. Baakteeriyyaaleen Bacillus \ anthracis fi Clostridium \ chauvoei killee (spores) isaanii biyyoo keessatti waggaa hedduuf dhoysanii tursiisuu danda'u.

🤔Maaliif Amma? Roobni yeroo jalqabu biyyoo waan dhiqurraa ka'e ykn loon marga gabaabduu waan dheedaniif killee baakteeriyyaa kanaa biyyoo wajjiin liqimsu.
☑️Talaallii: Talaallii Abbaa Sanga fi Abbaa gorbaa (Blackleg) waggaatti al-tokko kennamu qabu.
Abbaa Gorbaan Baay'ee kan inni miidhu loon umurii waggaa 2 gadii yoo ta'u, keessattuu yeroo roobni eegalu ka'a. Talaalliin isaa loon gara waggaa tokkoo ta'aniif kennamuu qaba.

2️⃣. Dhukkuba Gogaa Loonii (Lumpy Skin Disease - L*D)
L*D'n dhukkuba vaayirasii Capripoxvirus jedhamuun dhufudha. L*D'n vaayiraasii tiitiisaa, qurqurruu fi tish*tootaan daddabba. Waqtii roobaa keessa ammoo ilbiisonni kunniin baay'ee waan wal-horaniif, beeyilada keenya duraan dursee talaalchisuun barbaachisaadha.

🤔Maaliif Amma? Roobni yeroo jalqabu bookeen (mosquitoes, flies, and ticks) vaayirasicha daddarsan baay'inaan ni dhalatu.
☑️Talaallii: Osoo weerarri bookee hin baay'atin dura loon hunda talaalchisuun murteessaadha.

3️⃣. Gororsaa (Pasteurellosis)
Dhibeen kun beeylada baay'ee (Loon, Hoolaa fi Re'ee) ni miidha. Baakteeriyyaan Pasteurella \ multocida jedhamu uumamaan sirna hargansuu beeyladaa keessa jiraata.

🤔Maaliif Amma? Yeroo qilleensi qabbanaa'uu fi roobni dhufe, dandeettiin ittisa dhibee beeyladaa waan laafuuf (Stress), baakteeriyyaan sun baay'achuun dhibee sombbaa fida.
☑️Talaallii: Talaallii Bovine Pasteurellosis looniif, akkasumas Ovine/Caprine Pasteurellosis hoolotaa fi re'eef kennuu.

4️⃣. PPR (Peste des Petits Ruminants)
Re'ee fi hoolaa keessatti baay'ee kan beekamu dhibeen kun, sanyiin beeyiladaa kunniin dandeettii dhibee ittisuu (immunity) akka dhaban taasisa. Talaalliin isaa waggoota sadiif tura.

5️⃣. Foorii (Sheep and Goat Pox)
Kunis dhibee gogaa hoolaa fi re'ee irratti mul'atu yoo ta'u, yeroo qabbanni itti baay'atu daddabartiin isaa ni dabala.

🤔Maaliif Talaalliin Barbaachise?🧐
Talaalliin maallaqa baasii dhukkuba wallaanuuf baasnu nurraa hirdhisa. Sababni isaas:
Baasii Xiqqaa: Talaalliin wallaansa caalaa gatiin isaa gad-bu'aadha.
Oomish*tummaa: Beeyilanni hin dhukkubsanne aannanii fi foon baay'ee kenna.
Fayyaa Hawaasaa: Dhibeewwan akka Abbaa Sanga beeyilada irraa gara namaatti waan daddarbaniif, beeyilada eeguun of eeguudha.

Talaallii yeroo kennitan beeyilanni keessan fayyaa guutuu qabaachuu isaa fi danda'amnaan 'Deworming' (dawaa keessoo) fudhachuu isaanii mirkaneeffadhaa. Yeroo ammaa kanatti, buufataaleen fayyaa beeyiladaa naannoo keessan jiran talaalliiwwan kanneen qopheessanii waan jiraniif, ariitiin akka dhaquun beeyilada keessan talaalchisistan isiniin jenna.

✍ Dr. Galataa, DVM 🩺

Qorichoota Aadaa (Herbal Medicines) kanneen lukkuudhaaf tajaajilan. Qorichoonni kunneen dandeettii dhukkuba ittisuu (imm...
03/03/2026

Qorichoota Aadaa (Herbal Medicines) kanneen lukkuudhaaf tajaajilan.
Qorichoonni kunneen dandeettii dhukkuba ittisuu (immunity) guddisuuf, raammoo ittisuufi baakteeriyaa luyyaatti to'achuuf baay'ee gargaaru.

1️⃣. Qullubbii Adii (Garlic)
Qullubbiin adii "antibaayootikii uumamaa" jedhamee waamama. Keessa isaa kompaawundii Allicin jedhamu waan qabuuf, baakteeriyaa, vaayirasii fi raammoo keessoo lallaafisuu irratti humna guddaa qaba. Qullubbii adii bifa daakuutiin nyaata keessa makuun ykn madaqsuun bishaan keessatti makuun yoo kennan, sirna ittisa dhukkubaa lukkuu cimsa. Akkasumas, fooliin isaa hantuunni fi injiraan akka mana lukkuu hin seene ni ittisa.
🟦Hamma (Dosage):
Qullubbii adii nyaata keessatti makuuf, nyaata kilogramma tokko (1 kg) keessatti daakuu qullubbii adii gramii 5 hanga 10 (0.5% - 1%) makuun ni danda'ama. Bishaan dhugaatii keessatti immoo, qullubbii adii cuunfamee dhangala'aa ta'e litira tokko (1 L) keessatti millitira 1 hanga 2 makuun torbanitti guyyaa sadiif kennuun sirna ittisa dhukkubaa cimsuuf baay'ee gargaara.

2️⃣. Damma (Honey)
Dammi madda annisaa (energy) ariifataa fi qoricha madaa ittiin wallaananiidha. Cuuciilee dadhabaniif ykn lukkuu dhukkubbiin irra jiruuf bishaan dhugaatii keessatti makuun kennuun baay'ee barbaachisaadha. Dammi dandeettii dhiphina (stress) dandamachuu guddisa, madaa afaan keessaa (wet pox) fi qufaa lallaafaa ittisuuf ni gargaara.
🟦Hamma (Dosage):
Dammi madda annisaa waan ta'eef, bishaan dhugaatii litira tokko (1 L) keessatti millilitira 10 hanga 20 (kudhaanuu sadii hanga afurii) makuun cuuciilee dhalatanii sa'aatii jalqabaa jiranitti ykn lukkuu dhiphina (stress) irra jiraniif guyyaa 3-5f walitti aansanii kennuun ni gorfama. Kun dandeettii dhukkuba dandamachuu isaanii sadarkaa ol'aanaatti guddisa.

3️⃣. Hargeessa ykn Argisa/Eregii (Aloe Vera)
Eregiin qoricha uumamaa dhukkuboota garaachaa fi mar'ummaan miidhan (fakkeenyaaf Coccidiosis) ittisuuf baay'ee tajaajiluudha. Bishaan isaa dhangalaasanii bishaan dhugaatii lukkuu keessatti makuun kennuun, baakteeriyaawwan akka Salmonella fi E. coli hir'isuuf gargaara. Akkasumas, gogaa lukkuu kan madaa'e irratti dibuun akka dafee fayyu taasisa.
🟦Hamma (Dosage):
Hargeessi dhangala'aa isaa (gel) cuunfanii bishaan dhugaatii litira tokko (1 L) keessatti millitira 5 hanga 10 makuun kennama. Inni kun keessumattuu dhukkuboota garaachaa fi mar'ummaan dhowwuuf torbanitti guyyaa sadiif akka bishaan dhugaatiitti kennuun bu'aa guddaa qaba.

4️⃣. Zinjibila (Ginger)
Zinjibilli sirna bullaa'insa nyaataa fooyyessuu fi fedhii nyaataa lukkuu guddisuuf beekamaadha. Lukkuun yeroo qufaa fi haxxiffannaa qabanitti, zinjibila bishaan keessatti affeelanii ykn daakanii bishaan keessa makuun kennuun, ujummoo afuuraa qulqulleessa. Inni kun keessumattuu yeroo qorraa lukkuun akka ho'an gochuuf ni gargaara.
🟦Hamma (Dosage):
Zinjibila daakame nyaata kilogramma tokko (1 kg) keessatti gramii 1 hanga 2 makuun guddina foonii fi fedhii nyaataa fooyyessuuf tajaajila. Bishaan keessatti immoo zinjibila affeelamee dhangala'aa isaa litira tokko (1 L) keessatti millitira 2 hanga 5 makuun yeroo qufaa fi sirna hargansuu irratti rakkoon mul'atu kennuun ni danda'ama.

5️⃣. Kurkum(irdii) (Turmeric)
Kurkum dandeettii madaa qoorsuu fi iitoo (inflammation) hir'isuu guddaa qaba. Tiruu lukkuu summii adda addaa irraa eeguuf baay'ee gargaara. Nyaata lukkuu keessatti gramii muraasa makuun kennuun, lukkuun dhibee garaa kaasaa irraa akka fagaatan taasisa. Akkasumas, Fanxaxxaa lukkuu (fowl pox) yeroo mul'atutti madaa gogaa irratti kurkum dibuun baay'ee filatamaadha.
🟦Hamma (Dosage):
Kurkum baay'inaan nyaata keessa makamee kennamuu qaba. Nyaata kilogramma tokko (1 kg) keessatti daakuu kurkumii gramii 5 hanga 10 (0.5% - 1%) makuun yeroo dheeraadhaaf ykn yeroo hunda kennuun tiruu lukkuu eeguu fi dhukkuboota baakteeriyaa ittisuuf murteessaadha.

6️⃣. Mirmirsa ykn Barbaree (Chili Pepper)
Barbareen kaapseesiin (capsaicin) waan qabuuf, sirna hargansuu qulqulleessuu fi raammoo keessoo luyyaatti hir'isuuf gargaara. Akkasumas, lukkuun akka fedhiin nyaataa isaanii dabalu gochuun guddina ariifataa akka fidan gargaara. Barbaree daakame xiqqoo nyaata keessatti makuun kennuun ni danda'ama.
🟦Hamma (Dosage):
Barbareen baay'achuu hin qabu; sababni isaas garaa lukkuu gubuu danda'a. Hamma madaalawaan isaa nyaata kilogramma tokko (1 kg) keessatti daakuu barbaree gramii 0.5 hanga 1 (fincaan cuffii tokko) qofatti makuun fedhii nyaataa kakaasuuf fi raammoo keessoo lallaafisuuf gargaara.

⚠️🗣Hubachiisa:
Qorichoonni aadaa kunneen faayidaa guddaa qabaatanis, hamma (dosage) isanii irratti of eeggannoo gochuu qabna. Fakkeenyaaf, barbaree baay'isuun mar'ummaan lukkuu miidhuu danda'a. Kanaafuu, yeroo hunda hamma madaalawaa ta'e fayyadamuu fi bishaan qulqulluu wajjin kennuun bu'aa gaarii kenna. Dabalataanis, qorichoota aadaa kana yeroo fayyadamtan qulqullina isaanii eeguu hin dagatinaa. Nyaanni ykn bishaan qorichi aadaa itti makame guyyaa hunda jijjiiramuu qaba; sa'aatii 24 oliif turee lukkuudhaaf kennamuu hin qabu. Kunis akka nyaanni ykn bishaan sun hin ajoofne (fermentation) gochuufi.

🧐🤔Ogeessi fayyaa tokko kana maaf godha jechuun ni mala garuu qorichoonni kunneen ani isiniif eeru akka "Defence mechanism" lukkuutti gargaaruu jechuudhaaf malee qorichoota aadaa leellisuuf miti kana akkasitti naaf hubadhaa. Yeroo fayyadamtaniis jiddu galeessummaadhaan tahuu qaba qoricha kaan bituu hin dandeenyu jechuudhaan isuma akka mala qorichatti fayyadamuun lukkuu keessan overdose dhaan akka hin galaafanne jechuun gamanumaan isiniif dabarsuun barbaada

Maxxansi kun qonna lukkuu keessan irratti jijjiirama gaarii akka fidu nan amana.🙌

✍️ Dr. Galataa, DVM

Akkaataa Killee Hanqaaquu irraa Cuucii Baasan (Incubation and Hatching Management) Killeen tokko gara cuucii lubbuu qabd...
02/03/2026

Akkaataa Killee Hanqaaquu irraa Cuucii Baasan (Incubation and Hatching Management)

Killeen tokko gara cuucii lubbuu qabdutti jijjiiramuuf adeemsa of eeggannoo guddaa barbaadu keessa darba.

1️⃣. Killee Cuucii Baasuuf Ta'u Filachuu
Killeen hundi cuucii baasuu hin danda'u. Jalqaba irratti, killeen sun lukkuu kormaa wajjin wal-qunnamtii qabdu irraa argamuu qaba (fertile eggs). Killeen filatamu garmalee guddaa, garmalee xiqqaa, ykn bifa dhabamaa ta'uu hin qabu. Killee dho'a xinnoollee qabu ykn baay'ee xuraa'e fayyadamuu hin danda'amu; sababni isaas baakteeriyaan keessa seenee cuucii ajjeesuu danda'a. Killee kana guyyaa 7 ol tursiisuun baay'ina cuucii ba'uu (hatchability) hir'isa.

2️⃣. Owwisuu Uumamaa (Natural Incubation)
Adeemsi kun lukkuu "Kukkuufattu" (broody hen) fayyadamuun gaggeeffama. Lukkuun takka giddu galeessaan killee 10 hanga 12 owwisuu dandeessi. Bakki isheen itti owwistu qulqulluu, kan gogaa ta'ee fi diinni (hantuuta, adurree) kan hin geenye ta'uu qaba. Lukkuun sun yeroo owwisutti nyaataa fi bishaan dhiyootti argachuu qabdi.

3️⃣. Meeshaan Owwisuu (Artificial Incubation)
Meeshaan (Incubator) owwisuu uumamaa bakka bu'uun killee baay'ee yeroo tokkotti cuucii gochuuf gargaara. Meeshaa kana keessatti qabxiileen armaan gadii murteessoodha:
☑️ Ho'a (Temperature):
Ho'i madaalawaan cuucii baasuuf barbaachisu giddu galeessaan 37.5°C (ykn 99.5°F) dha. Ho'i kanaa gadi yoo ta'e cuucii baasuun ni fagaata; yoo garmalee baay'ate immoo cuucii ni ajjeesa.
☑️ Jiidha (Humidity):
Guyyaa 18 jalqabaatiif jiidha 50-60% ta'u barbaachisa. Guyyoota 3n dhumaa (guyyaa 19-21) irratti immoo gara 70%tti ol ka'uu qaba; kunis qolli killee akka laafu fi cuuciin salphaatti dhooftee akka baatu gargaara.
☑️ Garagalchuu (Turning):
Killeen guyyaatti yoo xiqqaate si'a 3 hanga 5 garagalchamuu qaba. Kunis lubbuun (embryo) qolla killee irratti akka hin maxxanne ittisa. Guyyaa 18ffaa booda garagalchuun ni dhaabbata.

4️⃣. Ibsaan Ilaaluu (Candling)
Adeemsi kun killee keessa lubbuun jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf gargaara. Guyyaa 7ffaatti yeroo ilaallu, ujummoon dhiigaa akka "Sardabaa" (spider web) mul'atu lubbuun jiraachuu isaa agarsiisa. Guyyaa 14ffaatti immoo killeen keessi isaa baay'inaan gurraacha'ee mul'ata. Killee ifa qulqulluu agarsiisu (infertile) hatattamaan keessaa baasuu qabna; sababni isaas garmalee ho'ee dho'uun killee biroo faaluu danda'a.

5️⃣. Cuucii Baasuu (Hatching Phase)
Guyyaa 21ffaatti cuuciiwwan qolla killee dhoosuun ba'uu jalqabu. Adeemsi kun sa'aatii 24 fudhachuu danda'a. Cuuciin hundi baatee hanga baalleen isaanii gogutti incubator keessa turuu qabu. Erga goganii booda gara bakka itti guddifamanitti (brooder) ni geeffamu.

⚠️Hub:
Cuuciin yeroo qolla dhoosuu jalqabdu, isin gargaaruuf jirtanii qolla irraa hin qunnaatinaa. Adeemsi uumamaa kun cuuciin sun akka jabaattu fi ujummoo dhiigaa ishee akka cufattu gargaara. Ofumaan akka baatu dhiisuun filatamaadha.

✍️ Dr. Galataa, DVM

Sagantaa Talaallii fi Hordoffii Fayyaa LukkuuSagantaa talaallii (vaccination calendar) guyyaa guyyaan tarreeffame, akkaa...
02/03/2026

Sagantaa Talaallii fi Hordoffii Fayyaa Lukkuu

Sagantaa talaallii (vaccination calendar) guyyaa guyyaan tarreeffame, akkaataa itti kennamuu fi hamma isaa irratti xiyyeeffachuun akka armaan gadiitti qophaa'e jira. Sagantaan kun lukkuu hanqaaquuf (layers) ykn lukkuu fooniif (broilers) tajaajiluu danda’a.

✔️Guyyaa 1ffaa (Guyyaa Cuuciin babbante):
Guyyaa jalqabaa kana irratti talaalliin Marek’s Disease hamma 0.2 ml ta’uun gogaa jalaan (subcutaneous) morma irra waraanamu. Itti dabalees, talaalliin Newcastle (HB1) fi Infectious Bronchitis (IB) Xabbitaa ijaan (eye drop) ykn bifa bishaan qulqulluu irra facaasuun (spray) hamma doozii tokkoon kennama. Kun cuuciiwwan keessan jalqabuma irratti dhukkuba kanaan akka hin miidhamne taasisa.

✔️Guyyaa 7 hanga 10ffaatti:
Yeroo kana keessatti talaalliin Gumboro (IBD) jalqabaa kennamuu qaba. Talaalliin kun bishaan dhugaatii keessatti makuun ykn ija keessatti cobsuun hamma doozii tokkoon lukkuu tokkoof kennama. Sirni ittisa dhukkubaa lukkuu yeroo kana keessatti waan ijaarramuuf talaalliin kun murteessaadha.

✔️Guyyaa 14 hanga 18ffaatti:
Talaalliin Newcastle (LaSota) lammataa bishaan dhugaatii keessatti makuun hamma doozii tokkoon kennama. Talaalliin kun dandeettii dhukkuba Newcastle ittisuu lukkuun qabdu sadarkaa olaanaatti guddisa.

✔️Guyyaa 21 hanga 24ffaatti:
Talaalliin Gumboro lammataa (Booster) bishaan dhugaatii keessatti makuun kennama. Talaalliin kun dhukkuba Gumboro isa hammaatu irraa lukkuu keessan guutummaatti eega.

✔️Torban 6 hanga 8ffaatti:
Yeroo kana keessatti talaalliin Fowl Pox (Fanxaxxaa lukkuu) hamma doozii tokkoon baallee lukkuu (wing web) keessaan limmoo qara lama qabduun waraanuun kennama. Kun dhukkuba gogaa fi madaa afaan keessatti fidu ittisa.

✔️Torban 8 hanga 12ffaatti:
Yeroo kana keessatti talaalliiwwan baakteeriyaa akka Taayfoyidii lukkuu (Fowl Typhoid (9R)), Fowl Cholera, fi Infectious Coryza kennamu. Talaalliin Fowl Typhoid hamma 0.5 ml ta'uun gogaa jalaan waraanama. Talaalliin Fowl Cholera fi Coryza immoo hamma doozii 0.5 ml ta'uun foon handaraafaa (breast muscle) keessatti waraanama.

✔️Torban 12 hanga 16ffaatti (Dura-Hanqaaquu):
Yeroo lukkuun hanqaaquu buusuuf qophoofutti, talaalliin Newcastle (LaSota) fi IB irra deebiin (Booster) bishaan dhugaatiin kennamuu qaba. Akkasumas, talaalliin Mycoplasma yoo jiraate yeroo kana keessa bifa waraannaan ykn cobsa ijaan kennama.

✔️Hanqaaquu Erga Jalqabanii Booda:
Lukkuun hanqaaquu buusuu erga jalqabanii booda, dhukkuba Newcastle (LaSota) ittisuuf ji'a sadi sadiin bishaan dhugaatii keessatti talaallii hamma doozii tokkoo makuun itti fufuu qabdu.

⚠️Hub:
Talaalliin bishaan keessatti naqame sa'aatii lama keessatti dhugamee dhumuu qaba; kanaafuu, talaallii dura lukkuun sa'aatii 1 hanga 2f bishaan dhugaatii dhowwachuun akka dheebotan gochuun barbaachisaadha.
Lukkootaaf talaallii kennufin duratti guyyaa lama dura qorichaa fi vitaminii kennufii dhisuu. Erga talaallii kennineef booda guyyaa lama turuu qabna qorichaa fi vitaminii gara garaa kennufin duratti.
Talaalliin kan kennamuun bishaan roobaa, bishaan bollaa ykn distiltii ta’eeni malee bishaan boombaa ykn bishaan haaylanditiin kennuun talaallii kennine bu’aan ala taasisa. Kanaafuu,Talaallii yeroo kennitan bishaan itti fayyadamtan kulooriinii (chlorine) kan hin qabne ta’uu isaa mirkaneeffadhaa. Akkasumas, talaallii yeroo qorraa (ganama ykn galgala) kennuun dhiphina (stress) lukkuu irraa hir'isa.

✍️ Dr. Galataa, DVM

🐔 Gosoota Lukkuu: Filannoo Galii fi Faayidaa KeessaniifHorsiisa lukkuu keessatti kallaattiin oomishaa sadii jira: Killee...
01/03/2026

🐔 Gosoota Lukkuu: Filannoo Galii fi Faayidaa Keessaniif

Horsiisa lukkuu keessatti kallaattiin oomishaa sadii jira: Killee qofa, Foon qofa, fi Killee fi Foon (Dual Purpose). Gosoonni kanaan gadii sadarkaa addunyaatti fi biyya keenya keessatti beekamoo dha. gosoota lukkuu oomishaa fi madaallii jireenyaa adda addaa qaban gurguddoo 6 kanaan gadii haa ilaallu:

1️⃣. Bovaansi (Bovans Brown) - "Mootuu Killee"
Lukkuun kun rincicaa (robust) ta’uu isheetiin beekamti.
✔️ Amala: Mormi diimaa, eegeen ishee adii, qaamni hafe ammoo bifa magaala/buura (brown).
✔️ Oomisha: Waggaatti killee 300 ol buusti. Torbaan 143 keessatti harka 50% oomisha ishee gessi.
✔️ Ulfaatina: Torbaan 16tti 1.9kg, torbaan 100tti ammoo 2.2kg madaalti.
✔️ Nyaata: Giddu-galeessaan guyyaatti 114g nyaatti.

2️⃣. Loomaansii (Lohmann Brown)
Horsiistota killee gabaatti dhiyeessaniif filannoo lakkofsa tokkooti.
✔️ Amala: Baay’ee garraamii (calm) dha, wal-hiddun (cannibalism) ishee biratti hin mul’atu.
✔️ Bu’aa: Killee bifa magaala (brown) gurguddaa fi qola jabaa qabu buusti.
✔️ Madaala: Nyaata xiqqoo nyaattee killee baay’ee buusuudhaan (feed efficiency) beekamti.

3️⃣. Koob (Cobb 500) - "Madda Foonii"
Yoo foon qofa oomishuu barbaaddan, filannoon keessan Koob ta'uu qaba.
✔️ Amala: Adii fi bal'aadha. Guddinni ishee baay’ee ariifataadha.
✔️ Oomisha: Guyyaa 42 (torbaan 6) keessatti ulfaatina 2.5kg ol galmeessiti.
✔️ Insight: Foon ishee handaraafa (breast meat) irratti waan baay'atuuf gabaa hootelaatti baay'ee barbaadamti.

4️⃣. Saassoo (Sasso) - "Killee fi Foon"
Lukkuun kun dandeettii dandamannaa dhibee fi haala qilleensaa kallaattiin 'Indigenous' (kan gandaa) wajjin wal-fakkaatti.
☑️ Amala: Bifa garaagaraa (diimaa, gurraacha, fi kkf) qabdi.
☑️ Bu’aa: Killees ni buusti (waggaatti 180-220), foon ishees baay'ee mi'aawaa dha.
☑️ Insight: Iddoo nyaanni gahaa hin jirreetti (scavenging) qiddu-galeessaan of danda'tee guddachuu dandeetti.

5️⃣. Kooyilaand (Kuroiler)
Saassoo wajjin wal-fakkaattis, garuu guddinni foon ishee baay'ee ariifataadha.
☑️ Amala: Akkuma lukkuu gandaa bifa makuu qabdi.
☑️ Oomisha: Ji'a 3-4 keessatti madaallii gaarii (3kg ol) gessi. Killee gurguddaa buusti.
☑️ Insight: Horsiistota 'semi-intensive' (muraasa mana keessatti, muraasa ala) horsiisaniif filannoo gaariidha.

6️⃣. Dekloo (Dekalb/Declo) - "Inni Qulqulluun"
Lukkuun kun killee qulqullina ol-aanaa qabu (white or brown eggs) buusuun beekamti.
☑️ Amala: Lukkuu qunnaamtii (adaptability) gaarii qabdu dha.
☑️ Oomisha: Yeroo dheeraaf (torbaan 90-100f) otoo hin dhaabin killee buusuu dandeetti.
☑️ Insight: Lukkuun kun keessattuu baay'ina killee (egg mass) oomishuu irratti dorgomaa hin qabdu.

⚠️ Gorsa:
✅ ️Kaayyoo Kee Adda Baafadhu: Killee moo foon? Otoo itti hin seenin dura kana murteessi. Killeedhaaf Bovaansi/Loomaansii, fooniif Koob filadhu.
✅ ️Haala Qilleensaa: Naannoon kee baay'ee ho'aa yoo ta'e, Saassoo ykn Kooyilaand rincicummaa isaaniitiif filatamu.
✅️ Ifa (Lighting): Akkuma beekamutti, lukkuun killee buusuu jalqaban guyyaatti sa'aatii 16 ifa (ifa aduu fi ibsaa) argachuu qabu. Ifni xiqqaan oomisha killee ni kuffisa.

"Gosa lukkuu filachuu jechuun, sanyii qarshii kee itti facaaftu filachuu jechuudha. Filannoo sirriin bu'aa dachaadha!"

✍ Dr. Galataa, DVM

🏗️ 🐔 Qajeelfama Bu’uraa Horsiisa Lukkuu Milkaa’aa: Utubaa Milkaa’ina Horsiisa Lukkuu!Horsiisni lukkuu pirojektii yoo sir...
01/03/2026

🏗️ 🐔 Qajeelfama Bu’uraa Horsiisa Lukkuu Milkaa’aa: Utubaa Milkaa’ina Horsiisa Lukkuu!

Horsiisni lukkuu pirojektii yoo sirnaan itti deeman bu’aa guddaa fi yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama fiduudha. Haata’u malee, akkuma hojii kamiyyuu beekumsa bu’uraa irratti hundoofnu qaba. Horsiisi lukkuu hojii yoo sirnaan itti deeman bu’aa guddaa fi yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama dinagdee fiduudha. Haata’u malee, akkuma ijaarsa kamiyyuu, horsiisi lukkuu "utubaa" jabaa irratti hundaayu qaba. Yoo bu’urri isaa laafaa ta’e, kisaaraan isaas akkasuma saphlaadha. Akka ogeessa fayyaa beeyladaatti (DVM), qajeelfama gabaabaa garuu immoo bal’aa ta’e kan milkaa’ina keessaniif dhimma sadii walitti qabu akkasitti isiniif qopheesseera. Dubbisa gaarii!

1️⃣. Fedhii, Murannoo, Karoora fi Kaappitaala
Horsiifni lukkuu akka hojiiwwan kan biroo miti. Horsiisa lukkuu hojjachuun dura fedhiin horsiisa lukkuu hojjachuu nu kessa jiraachuu qaba. Akkanumaan kaanee hiriyaan keenya ykn ollaan keenya wan hojjateef ilaallee hojii hojjanuu miti. Sababni isaa horsiisa lukkuu hojjachuun hojii baay’ee si’awaa waan ta’eef hojii koodha jennee fedhii guutuudhaan itti galuu qabna jechuudha. kanaaf fedhii malee "ollan ko waan hojjateef" jettanii itti hin galinaa. Fedhii cinaatti immoo, karoora ifa ta’e qabaachuun dirqama. Baasii nyaataa (kan baasii walii galaa keessaa harka 70% ta’u), bitinsa cuuccii, qorichaa fi kiree mana gurgurtaa dursee shallagamuu qaba. Jalqaba irratti dandeettii ofii irratti hundaa'anii xinnoon jalqabanii gara guddinaatti deemun kisaaraa tasaa hambisuuf filatamaadha.

2️⃣. Iddoo Filachuu fi Ijaarsa Manaa
Manni lukkuu "Bakka Boqonnaa" qofa osoo hin taane "Mana Jireenyaa" qulqulluu ta’u qaba. Bakki lukkuun keessan itti guddattu sagalee guddaa irraa fagaachuu, bishaan qulqulluu fi ibsaa argachuu, akkasumas lafa bishaan hin ciisne ta’u qaba. Kallattiin ijaarsa manaa yeroo hunda kallattii Bahaa-Lixatti (East-West) ta'uu qaba; kunis ho'i aduu gubbaa manaatti akka hin hammaanne gargaara. Bal’ina iddoof immoo, giddu-galeessaan lukkuu ga’eessa 1f lafa 0.2m^2 ykn 1m^2 irratti lukkuu 5-8 qofa akka ta’u gorfama.

3️⃣. Gosa Lukkuu fi Kaayyoo Horsiisaa
Kaayyoon keessan maali? Killeef yoo ta’e gosa akka Bovans Brown ykn White Leghorn filatamaadha. Fooniif (Broilers) immoo gosa saffisaan guddatan kan akka Cobb 500 ykn Ross (torban 6-8 keessatti fooniif gahu) fayyadamuu dandeessu. Kan killee fi fooniif ta'an (Dual Purpose) immoo akka Sasso fi Koekoek jiru. Yeroo cuuccii bittan madda amanamoo (Hatchery) irraa ta’uu isaa mirkaneeffachuun bu'ura jalqabaati.

4️⃣. Nageenya Fayyaa (Bio-security) fi Talaallii
Inni kun utubaa hundarra jabaadha; "Ittisni yaala irra caala!" Dhukkuboota beekamoo kan akka Fengil (Newcastle), Gumboro, fi Fowl Pox ittisuuf sagantaa talaallii ogeessa fayyaa beeyladaa waliin mari’achuun hordofuu qabdu. Kana malee, Bio-security jabeessuun dirqama isa kanaan walqabatee bal'inaan maxxansa dabre soqaa dubbisaa🫡. Karra irratti summii baakteeriyaa ajjeesu (disinfectant/footbath) kaa’uu, kophee fi uffata addaa mana lukkuu qofaaf oolu uffachuu, fi hantuuta madda dhibee (fkn: Salmonella) ta’an dhabamsiisuun nageenya foonii fi killee keessanii mirkaneessa.

5️⃣. Soorata Madaalawaa fi Qabiinsa Galmee
Lukkuun guddina isheetiif protinii, kaarboohayidireetii, vitaaminii fi albuuda madaalawaa barbaaddi. Nyaata akka Starter (cuuccii xixiiquuf), Grower (guddachaa jirtuuf), fi Layer/Finisher (hanqaaquu fi fooniif) umuriin adda baasuun kennuun dirqama. Bishaan qulqulluun yeroo hunda argamuu qaba. Gama biraatiin, hojiin galmee hin qabne bu’aa fi kisaaraa isaa adda baasanii beekuun ni ulfaata. Baasii nyaataa, talaallii, lukkuu du’anii fi killee guyyaa guyyaan argamu galmeessuun gabaa keessan hordofuu isin dandeessisa.

💡 Gorsa: "Horsiisi lukkuu carraadha; garuu carraa kana gabaa fi saayinsii fayyaa beeyladaatiin yoo hin deeggarre kaappitaalli keessan hundi daqiiqaa muraasa keessatti baduu danda'a. Nageenyi fayyaa hundumaa dursa!"
Galatoomaa!

✍️ Dr. Galataa, DVM

Torban 2f waa'ee horsiisa loonii fi fayyaa isaanii irratti xiyyeeffanne hojjechaa turre amma torbaan as deemu kana waa'e...
28/02/2026

Torban 2f waa'ee horsiisa loonii fi fayyaa isaanii irratti xiyyeeffanne hojjechaa turre amma torbaan as deemu kana waa'ee horsiisa lukkuu fi fayyaa isaanii irratti gadi fageenyaan isiniif hojjenna.🤝🫡
Hunduma isaani irratti torban torbaanin isiniif hojjenna. Fayyaa ta'a!

⚠️ Yeroo Eeggannoo (Withdrawal Period): Wabii Fayyaa Hawaasaa!Beeyladni keenya yoo dhukkubsatan qoricha (Antibiotics, An...
28/02/2026

⚠️ Yeroo Eeggannoo (Withdrawal Period): Wabii Fayyaa Hawaasaa!

Beeyladni keenya yoo dhukkubsatan qoricha (Antibiotics, Anthelmintics, kkf) ni kenninaaf. Garuu qorichi sun qaama beeyladichaa keessaa dafee hin ba'u. Hanga inni dhangala'aa qaamaa (Aannan) fi foon keessaa guutummaatti ba'utti yeroo fudhatu qaba. Yeroon kun "Yeroo Eeggannoo" (Withdrawal Period) jedhama.
Dhimmi kun dhimma fayyaa hawaasaa (Public Health) keessatti lafee dugdaati. Ogeessi fayyaa beeyladaa beeylada yaaluu qofa osoo hin taane, foon fi aannan hawaasni nyaatu summii fi qoricha irraa qulqulluu ta'uu isaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa guddaa qaba.

❓ Withdrawal Period Jechuun Maali?
Yeroo guyyaa dhumaa qorichi beeyladaaf kenname irraa jalqabee, hanga foon, aannan ykn killeen beeylada sanaa nyaata namootaatiif ooluu danda'utti yeroo jiruudha.

🚫 Maaliif Yeroo Kana Eeguun Barbaachisa?
Yoo yeroo eeggannoo kana osoo hin eegin aannan dhugne ykn foon nyaanne, miidhaa kanaan gadii nu irratti fida:
☑️ Dandeettii Qoricha Dandamachuu (Antibiotic Resistance): Qorichi beeyladaaf kenname xiqqaatee foon ykn aannan keessaan gara qaama keenyaa yoo gale, baakteeriyyaan qaama keenya keessa jiru qoricha sana ni barata. Guyyaa nuti dhukkubsannee qoricha sana fudhannu qorichi sun nu fayyisuu dida. Kun rakkoo addunyaan har'a sodaachaa jirtu isa guddaadha.
☑️ Allerjii (Allergic Reactions): Namoonni tokko tokko qorichoota akka Penicillin irratti allerjii cimaa qabu. Foon qoricha qabu nyaachuun balaa guddaadha.
☑️ Summaa'ina (Toxicity): Qorichoonni tokko tokko yoo yeroo dheeraaf xiqqaatanii qaama namaa keessa turan raanfannoo (cancer) fiduu danda'u.

🛡 Furmaataa fi Gorsa Ogeessaa
✔️ Dubbisu: Qoricha kamiyyuu bitachuu keessan dura "Withdrawal Period" isaa qola isaa irratti dubbisaa.
✔️ Galmeessuu: Guyyaa qorichi itti kenname galmeessinee qabachu.
✔️ Aannan Hin Gatin: Aannan yeroo eeggannoo keessa jiru namni dhuguu hin qabu, garuu danfisanii beeylada biraatiif (fkn. Adurree ykn saree) kennuun ni danda'ama (yoo qajeelfamni qorichaa dhowwuu baate).
✔️ Ogeessa mariisisuu: Beeylada keenya yaallee foon isaanii gabaatti dhiyeessuu dura ogeessa fayyaa beeyladaa gaafachuun dirqama namummaati.

Beeylada keenya fayyisuun qabeenya keenya eeguudha; yeroo eeggannoo kabajuun immoo fayyaa hawaasa keenyaa eeguudha. Hawaasni fayyaalessi madda badhaadhinaati!


✍ Dr. Galataa, DVM 🩺 Fayyaa hin dhabinaa👐

⚠️ Aflaatoksiinii: Summii Dhokataa Aannan fi Killee KeessaaAflaatoksiiniin summii uumamaa gosa fangasii (Aspergillus fla...
28/02/2026

⚠️ Aflaatoksiinii: Summii Dhokataa Aannan fi Killee Keessaa

Aflaatoksiiniin summii uumamaa gosa fangasii (Aspergillus flavus) jedhamuun oomishamuudha. Summiin kun baay'inaan midhaan nyaata beeyladaaf oolu (fkn. Boqqoolloo, Faagulloo, Nuugii fi qamadii) fi kanneen biroo irratti yeroo inni dhoqqeeffatu ykn "Arrii/shaaggate" (mold) uumu uumama.
Dhimmi Aflaatoksiinii (Aflatoxin) kun baay'ee yaaddessaa fi hawaasni keenya irratti hubannoo xiqqaatuu qabudha. Kun "Summii Dhokataa" (Hidden Poison) jedhamuun beekama. Sababni isaas, summiin kun ho'a danfisuu fi bilcheessuutiin waan hin dhabamneef, aannan danfisame keessattis ni tura.

🔄 Naannoo Daddarbaa (The Cycle)
Summiin kun akkamitti gara sahanii keenyaa dhufa?
✔️ Nyaata Beeyladaa: Midhaan sababa jiidhaatiin ykn kuusaa rakkoo qabuun arrii uume beeyladaaf kennama.
✔️ Keessa Darbuu: Beeyladichi nyaata summaa'e kana yoo nyaatu, summiin sun dhangala'aa qaamaa (Aannan) fi killee keessa darba.
✔️ Nama: Namni aannan summaa'e dhuge ykn killee sana nyaate summii kanaan qabama.

🚫 Miidhaa Aflaatoksiiniin Nama irratti Fidu
Hawaasni keenya baay'een "Aannan danfisameera, summiin ni bada" jedhee yaada. Kun yaada dogoggoraati! Aflaatoksiiniin ho'a affeellaa baay'ee dandamata. Miidhaan inni fidu:
☑️ Kansaarii Tiruu: Sababa kansaarii tiruu (Liver Cancer) isa duraati.
☑️ Guddina Da’immanii Danquu: Da'imman aannan summaa'e dhugan guddinni isaanii ni harkifata (Stunting).
☑️ Dandeettii Ittisa Dhibee: Dandeettii qaamni keenya dhibee ofirraa ittisuuf qabu ni laaffisa.

🛡 Akkamitti Ittisuun Danda'ama?
Akka ogeessa fayyaa beeyladaatti, karaan tokkichi itti summii kana to'annu "Nyaata Beeyladaa" qulqulleessuudha:
✅ ️Goggogsuu: Midhaan (Boqqoolloo) osoo hin kuusin dura bishaan keessaa akka gogu gochuu (Moisture < 13%).
✅ ️Bakka Kuusaa: Nyaata beeyladaa bakka qilleensa gahaa qabu, gogaa fi bishaan (roobni) itti hin galletti kuusuu.
✅ ️Nyaata Arra’e/shaaggate/Dhoqqeeffate/Jiidhe Gatuu: Nyaata beeyladaa irratti "Arrii" (Greenish/Yellowish mold) yoo argitan beeyladaaf hin kenninaa. Akkasumas beeylada biraatti akka hin daddarbineef gubaa ykn awwaalaa.
✅️ Toxin Binders: Nyaata beeyladaa wajjiin qorichoota summii kana liqimsan (fkn. Clay-based binders) makuun kennuun ni danda'ama.

Nageenyi Nyaataa (Food Safety) mooraa keenya keessaa jalqaba. Nyaata nuti har'a loon keenyaaf kenninu, boru aannan maatiin keenya dhugan ta'ee nutti deebi'a. Nyaata Arrii/shaaggate(mold) qabu beeyladaaf kennuun summii maatii ofiitti kennuudha!

✍ Dr. Galataa, DVM 🩺

Address

Oromiyaa
Скопје

Telephone

+251921859393

Website

https://t.me/DrofVetMed, https://whatsapp.com/channel/0029VbCAyXTHwXbJRBHs3I37

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Galataa, DVM posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Galataa, DVM:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category