4N Qalloo

4N Qalloo in yourself is the first secret to success!!

Dhukkubbii mataa daanaa《daddeebi'aa hamaa》(Migraine headache)************************************** Dhukkubbiin mataa da...
25/10/2025

Dhukkubbii mataa daanaa《daddeebi'aa hamaa》(Migraine headache)
*************************************
* Dhukkubbiin mataa daanaa dhukkubbii mataa gartokkee fi miira dhahannaa (pulsating) kan qabu, yeroo hojii hojjatan kan namatti hammaatuu fi yeroo rafan kan namarraa wayyaa'uudha. Kana malees olgugguruu, haqqisaan/ballaqqamni, ifa sodaachuu fi gooha jibbuun isa hordofee kan dhufuudha

Dhukkubbiin mataa daanaa baayyee hamaa kan taheefi sa'aati 4 hanga sa'aatii 72 namatti turuu kan danda'uu fi dalagaa akka hin hojjanne nama dhoorkuu kan danda'uudha.
Namoonni tokko tokko ammoo odoo mataa dhukkubbiin hin eegalle duratti (daqiiqaa 30 mataa dhukkubbii dursee) mallattoo akeekkachiisa (warning symptoms ) kan akka lafti namaan maruu, haasaawuu dadhabuu, yeroo waa ilaaltu namatti dukkanaa'uu/dimimmissa'uu fi kkf agarsiisu maluu

Maaltu namatti hammeessa?
---------------------------------
*Jijjiirama hormoonii
Yeroo laguu fi ulfaa hormooniin istiroojiini jijjiiramuun fi qorichi farra ulfaa (OCP) jedhamuu dhukkubbii mataa daanaa kan namatti hammeessu
* Dhugaati akka Alkoolii fi buna humnaa ol dhuguu
* Hirriiba dhabuu fi hirriiba guddisuu (sa'aa 8 ol)
* Nyaata dhadhaa bubbulte qabuu fi soogidda baayyinaan of keessa qabu soorachuu
Maaltu namatti fida?
---------
Dhibee kana wanti namatti kana jedhamee hin beekamu. Haa ta'u malee wanti dhibee kanaaf sababa je'amanii kaayaman
* Sanyummaa
Namoonni dhibee kana harki 2/3ffaan isaani warra maatiin isaanii dhibee kana qabuudha
* Umrii - irra guddaan dargaggeessa kan qabu ta'ullee umrii hunda keeysatti argamuu kan danda'uudha
* Saala - baayyinaan dhalaa keessatti argama
*Jijjiirama hormoonii
Yeroo laguu fi ulfaa hormooniin istiroojiini jijjiiramuun fi qorichi farra ulfaa (OCP) jedhamuu dhukkubbii mataa daanaa kan namatti hammeessu
Yeroo akkam mana yaalaa deemna?
---------
* Dhukkubbii mataa hamtuu battala isin eegalte
* Dhukkubbii mataa fi leeydaa, dhukkubbii mormaa, gaggabdoo, wanti ilaaltan 2 taate isinitti mullachuu
* Dhukkubbii mataa yoo qufaatan, waa hojjattan isinitti hammaattu fi kkf yoo qabaattan hatattamaan gara mana yaalaa deemaa

Galatoomaa!!🙏
fayyaan faaya!
Dr Ahmed ✍️

Haati tokko osoo daa’ima harma hoosisaa jirtuu yoo ulfoofte, harma hoosisuu dirqama dhiisuu qabdii?……………………………………………………Y...
22/10/2025

Haati tokko osoo daa’ima harma hoosisaa jirtuu yoo ulfoofte, harma hoosisuu dirqama dhiisuu qabdii?
……………………………………………………
Yeroo hedduu haadholiin osoo daa’ima harma hoosisaa jiranii yoo daa’ima biraa ulfaa’an kan duraa san harma hoosisuu akka dhaaban (dhiisan) gorfama. Sababni isaas daa’imni sun yeroo harma hodhu qaamni haadhaa hormoonii ‘Oxytocin” jedhamu akka oomishtuu taasisa waan ta’eef, hormooniin kun ammoo ciniinsuu eegalsiisuun akka isaan osoo yeroon hinga’in da’an (preterm birth) taasisa kan jedhudha.
Haa ta’u malee, hormoonii kana haga ta’e yeroo daa’imni harma xuuxuu haati sun akka oomishtu taasisuun qaama ishee keessa haajiraatuyyu malee hanga ulfa torban digdamii afuriitti (ulfa ji’a 6tti) gadameessi haadhaa bakka itti hormoonii kana simatu (receptor) xiqqoo qofa waan qabuuf haga hormoonii xiqqoo Kanaan ciniinsuun akka eegalu hintaasisu.
* Kanaaf hanga ulfa naannoo ji’a ja’aatti;-
- Ulfi rakkoo hanga hin qabaannetti,
- Nyaata ga’aa haadhaaf, daa’ima gadameessa jiruuf, akkasumas aannan oomishuuf ga’u argattetti harma hoosisuun rakkoo hinqabu waanta’eef itti fufuu dandeessi.
* Sana booda (ulfa ji’a 6 booda) garuu gadameessi hormoonii kanaaf ajajamaa waan deemuuf gaarii ta’uu dhiisuu mala waanta’eef harma hoosisuu dhiisuu wayya.
* Tarii kanaan dura ulfi irraa ba’ee beeka yoo ta’e ykn rakkoo ulfa waliin walqabatu biroo irraa kan ka’e ogeessi yoo dhorke garuu osoo ulfaanii jiranii harma hoosisuu hin qaban.
Haa ta’u malee osoo ulfi garaa jiruu harma hoosisuun akka haati sun dadhabbii qaamaa fi darbee darbee dhukkubbii garaa xiqqaa qabaattu taasisuu mala. Dabalataanis hanga aannan harmi hoomishu akka hir’atu taasisuu fi haadha sanatti yaadnii fi yaaddoon itti baay’achuun (overwhelmed) dhiphachuu itti fiduu mala.

Galatoomaa!!
Fayyaa ta'aa, fayyaan faaya!!
Dr. Ahmed ✍️

Oromay event and promotion organization1 Concert qopheessuun artistiota hawasaa biratti jaalatamummaa guddaa qaban afeer...
19/10/2025

Oromay event and promotion organization

1 Concert qopheessuun artistiota hawasaa biratti jaalatamummaa guddaa qaban afeeruun hawasaa bashanansisuu.

2 Eebbaa projectilee gara garaa qopheessun promote gochuun hanga madrakaa announce gochuutti. fkn ebbaa albama music, film, Eebbaa kitaabaa, Eebbaa project mootummaa baayyee qopheessuun haaala mijjeesse kan qophii san to'aatu.

3 Aadaa fi seenaa oromoo kutaa gara garaa keessaatti conserti qopheessun ibsu, lelisuu, garsisuu, Aadaa oromoo bakkatti deebisuu.

4 bakka oromoon itti rakkateetti ykn hongeen, balaa umaamaa fi namtolchee bakka isaan mudateetti concerti gargraarsa hawasaa qopheessun hawasaa kan gargaaru.

16/10/2025

Kabajaa (Respect) 🌿✨

Kabajaa jechuun qalbii bareedduu,
Namni hundi si kabaju akka si tursiisu.
Yoo nama kabajade, si waliin jiraata,
Harka wal qabannee, gammachuu haa qoodnu! 🤝

Namni kabajaa qabu, jireenya isaa ni bareedaa,
Afaan isaa mi’aawa, dalagaa isaa gaarii.
Kabajaa akka urjii, hundaaf ifa ta’a,
Ati yoo kabajade, addunyaa si waliin marqa! 🌟

 🎊  godhaa  Firaa Mediaan Media keessan kan roga hawaasumaa aadaa fi arti akamsumas bohaartii irratti hojjechuudhaf yero...
15/10/2025

🎊

godhaa


Firaa Mediaan Media keessan kan roga hawaasumaa aadaa fi arti akamsumas bohaartii irratti hojjechuudhaf yeroo gabaabaa keessatti qaawa gama mediatin hawaasa keenya mudatu duuchuf hidhatee lafaa ka'e ta'uu isaa yeroo isin hubachiifnu Gammachuu guddaatu Nutti dhagahama . Firaa median media obboleessa keessan abbaa seeraa Firomsa Musa tin baname yoo ta'u Kaayyoon Media kanaatiis Nuti Akka sabatti nu barbaachisa keessattuu akka hawaasa baha biiftutti qofa osoo hin taane medialee baay'ee nu barbaachisa. Sababni isaa Sagalee Namoota keenyaa warroota dandeettii qaban Akkasumas Namoota Hangafoota Saba kanaaf gahee guddaa taphatan Barbaadee Gola isaan jiran seenee Ummata isaatiin wal barsiisuuf qophiilee babbareedaa qabatee kan dhufe yoo ta'u hanga ammaa sagantaalee muraasa hojjetee gurra hawaasa isaatin gaheen baay'ee jaalatamummaa guddaa kan argateedha. Itti Aansuudhaan Media n Kun Humna Nama Ogummaa Seeraa Barateen waan hundaaeef Hawaasa isaatiif Hubannoo seeraa Cimsee kennuuf waadaa Ummata isaatiif galee jira. Wal jajjabeessuu aadaa yoo godhanne iddoon nuti hin geenye hin jiru kanaaf linke kanaan seenaa subscribe godhaa ilma keessan jabeessaa🙏

WAL-UTUBUUN OF-UTUBUUDHA🥰

https://youtu.be/PtQJ5SO1cs4?si=0F0ZfbZzX4RG1IKb
Ayube usman 🖋️

Address

London

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when 4N Qalloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to 4N Qalloo:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram