19/03/2022
::::::::::::::::::ASOOSAMA::::::::::::::::::::::
Gabaabaa
AARSAA_JAALALAA
!
Aadde Alamituunis akka rifachuu taatee yaadaan erga xiqqoo liqinfamtee dhiisi hin bo’in Burtee koo kanan kanaan dura si dhokseef yoo Abbaa kee kana barte Maatii baay’ee diigama jedheen dhiise. Har’a garuu sittan hima Abbaan kee Du’eera hin jiru Dheengadda du’e.
Ati kanaan dura itti waamamni kee Maqaa Eessuma keetiti amma garuu maqaa Abbaa kee isa sirriin waamamuu dandeessa! jette osoo afaanii hin fixin Burtukaan:- Eenyuu Aayyoo Abbaan koo jette. Aadde Alamituunis Deebistee Obbo Kumsaadha Abbaan kee, ati har’aa kaaste Burtukaan Kumsaa jedhamta Obolessi kee immoo Ejersaadha Jette.
Burtukaan waa dubbachuu hin dandeenye qaamni ishee Dafqaan guutame Abdii isheen fuulduraaf qabdu duukanaan weerarame. Taatee isaan Ejersaa waliin Hoteela Qiltu kaarra keessatti raawwatan akkata Ejersaan Durbumkee, ishee irra fudhatee Addunyaa dubartummaatti ishee dable ija ishee dura dhufe. Maal godhu ’Bishaan darbe hin waraaban’ jedhama mitiire. Iccitiin Burtukaaniif Ejersaan Obbolaa ta’uu isaani kan barame erga waan hunduu xumurameeti.
Har’a qalbiin Biiftuu Raajuun koo maal ta’inna laata ? Jette yaadaan dhiphataa oolte Raajuu koo Rabbi si haa gargaaru kaa jette haga beektu uumaan akka inni gargaaruuf kadhattiif. Akkuma Aduun lixuuf kaateen Qarshii isa daldaalaa oolte keessa Abbaa ishee dhoksitee fuute Abba nan galaa kottu jette isa dura kutte. Obbo bojaan meeshaale Alaa gara mana keessatti deebise galchaa jira. Biiftuunis manatti galuu dhiiste mana yaalaa isa ganama Raajiin Ciisee yaalama turetti sokkite. Gaafa achi Geessu garuu Raajiin Asitti Yaalani dadbanii Gara Hospitaala Najjootti dabarsan jedhee Namichi Waardiyaa mana yaala sun Biiftuutti hime.
Afachu Mee Waan dagadheem Waa’ee Biqiltuufi Abdiisaa Nan qoose malee hin Daganneem Si ykn ishee Asoosama kana dubbisaa jirtutu dagate malee Ani hin daganne. Atis Amma waan yaadatte fakkatta. Galatoomi Waan Yaadatteef! Amman na faana bu’ii hordofuu Eegali tole Akka ati jette dhagaheera.
Amma deemsaaf 1,2,3… Abdiisaa Fi Biqiltuun Kan wal baran karaa ‘Online’ akka ta’e duraan Siif Kaaseen ture. Innis Biqiltuudhaan Ani barsiisaa ‘University’ jimmaati jedhee gowwomsaa ture Garuu Hojiin Abdiisaa Waardiyaa Hoteelaati. Innis Qarshii walitti qabatee Biqiltuu Baruuf Jimmaa irraa ka’ee Gara Lixa Oromiyaa Magaalaa Najjoo dhufee jira. Biqiltuunis Gooriiti kaate Najjootti isa eega jirti. Isaanis Akkuma wal arganiin Hoteela deemani erga siree qabataniin booda Biqiltuun Abdiisaa harka isaa qabatte Magaala Najjoo keessa ‘Sililiquutti’ ka’an.
Maali kun kutaa darban keessatti barreesse in turre? Jette akka ati na gaafacha jirtu dhaga’eera Sirridha gaaffin kee, Si yaadachiisufin jedhen katabe irra deebi’ee. Egaa Amalli Biqiltuu Nama qarshii qabu faana jiraachuuf filannoon isheen qabdu. Har’a Abdiisaanis waan gudunfatee ture Biqiltuu waliin ‘bash basha’ gochuuf deemu. Akkuma Waliin buluuf kutaa siree isaani seenaniin borii isaa immoo Akka fudhatee Jimmaa deemu barbaadu Biqiltuutti hime. Biqiltuunis itti marmite tole jette gammachuu ishee ibsiteef. Isaanis borumtaa isaa Najjootti Nagaa dhaamani gara Jimmaa Abbaa Jifaaritti akka imala taasisna karoorfatan.
Har’a Burtukaanitti jireenyi itti hadhaa’eera. Keessattu Ejersaan kaleessa jaalallee ishee ture isheenis isa waliin Ciistee Durbummaa ishee isaaf kennite har’a immoo obboleessa isheef ta’uu isaatu godaannisa itti ta’ee jira. Jiraachuu irra du’a ishee filachiisuuf. Ajaa’iba Amma Ejersaa fi Burtukaan Jaalallee Waliif ta’u moo Obbolaa waliif ta’u? deebii isaa Si ykn Ishee Asoosama kana kutaa tokko kaaste haga ammatti hordoftee dubbisaa jiru ykn jirtuufan dhiisa.
Har’a Biiftuun imimmaan maddii ishee timaantimii diimate fakkatu sanarra ‘toph,toph gochaa gara manaatti qajeelte. Isheenis akkuma mana geessen Aayyoo dhaqeen Ciisa mataa kiyyatu na dhukkuba irbaatas hin nyaadhu nan rafa jette gara kutaa irribaa isheetti sokkite.
Biiftuun Akkuma kutaa ishee seenteen Siree ishee irratti lafa dhooftee
‘ hiq, hiq, hiq’ Raajuu koo
Ana dhiistee du’a filatte ?
Waadaa akkasii waliif seenne ?
Wal hin gannu jette har’a na gattee?
Siin qaba osoon siin jedhu
Ati anaaf sinboo kooti osoon siin jedhu?
Warqeef Daa’imendii irra osoon si mararfadhuu?
Waliin Galma geenya osoon siin jedhu?
Osoo hin turin waada keenya diigdee? Raajuu, Raajuu wayyoo Jette imimmaanin Afata siree ishee balleessite.
Iji Biiftuu osoo imimmaan cophsuu lafti bari’e. Amma hunduu ciree nyaachuuf walitti dacha’ee taa’e jira. Buunis danfee Manni keessis urgaa’ee, ho’ee Cireen nyaatama jira . Biiftuunis kaleessa Laaqana osoo hin nyaatin galgala isaa immoo irbaata osoo hin nyaatin kutaa irribaa ishee seente. Amma kunoo isheenis Aayyoo ishee cina teesse ciree nyaata jirti.
Yoon ciree nyaachu dhiise narratti baramuu danda’a jette yaade osooma itti hadhaa’uu nyaatti. Kana gidduutti bilbilli obbo Bojaa ‘ qil, qil ,qil ,qil’ jette iyyite. Obbo Bojaanis kaasani ‘Helo’ Yaadasa jedhan . Yaadasaanis deebisee ;- Gadda tokkotu argame dhageessaniittu jedhe? Obbo Bojaanis deebise;- Gadda maali?. Itti fufa.....
Please muyyee