03/02/2023
Hin dhukkubsatinaa, dhukkubsattanii immoo yaala biyya alaa yoo barbaaddan nama isin gargaaru hin dhabinaa!
Waggaa muraasaa asitti biyyi Turkiye giddugala yaalaatii fi barumsaa tahuun tajaajilaa jirti. Namoota biyya keenyaa fi biyyoota biroo gara garaa irraa yaala qulqullina qabu argachuu barbaadaniif Turkiyeen filmaata sadarkaa duraa tahuun tajaajila kennuu irratti argamti. Turkiyeen fageenya biyya keenyarraa itti argamtuu fi gatii madalaawaa taheen carraan fayyaa kuni argamuun fayyadamiinsa carraa kanaatiif xurree saaqe.
Waldaan keenya kanuma hubannoo keessa galchuun "Carraa Yaalaa Turkiye Keessatti" mata duree jadhuun sagantaa hedduu nama hawwatu qopheessee isiniif dhufaa jira. Turtii Dr. Nesruddiin Huseen waliin goonu kanarratti jiraattonni biyya Turkiyee keessa jirtanii fi namootni yaala fayyaa kanaan waan wal qabate hubannoo gahaa argachuu barbaaddan hundi keessanuu sagantaa kanarratti affeeramtanii jirtu.
Maatiin yookaan namootni dhuunfaa biyya Turkiyee keessa jiraattan yookaan daawwannaaf kanneen asitti argamtan, carraa fayyaa biyyi kun kennitu irraa fayyadamuu yoo barbaaddan sagantaan kuni keessanii itti dhihaadhaa!
Akkasumas, gaafii gaafachuu barbaaddan hunda guyyaa gaafa sagantaas ta'ee amma irraa jalqabuun sanduuqa yaadaa /comment section/ keessatti barreessuun gaafii keessan dhiheeffachuu dandeessu. Nutis, guyyaa gaafa sagantaa deebii gaaffii keessanii qabannee isiniif dhihaanna.
Turtii gaarii isiniif hawwina!