Midega Tola Primary Hospital

Midega Tola Primary Hospital Wantoota hospitaalicha keessatti hojjataminii fi tan hospitaalichi hawaasa keessatti hojjatu bifa qindaa'een kan isiniif dhiheessuudha.

Midega Tola Primary HospitalPrimary Hospital container loaded today! Lammiif Relief & Development Organization  Project ...
12/18/2025

Midega Tola Primary Hospital
Primary Hospital container loaded today!

Lammiif Relief & Development Organization
Project C.U.R.E.
Islamic Relief Canada
Haramaya University
Sule Nuredin
Farhan Abdullahi
🙏 🙏🙏🙏🙏

Midega Tola Primary HospitalHospitaala Miidhagaa Tolaatti Guyyaan kabaja farra Malaammaltummaa akka biyyaatti kabajamaa ...
12/12/2025

Midega Tola Primary Hospital
Hospitaala Miidhagaa Tolaatti Guyyaan kabaja farra Malaammaltummaa akka biyyaatti kabajamaa jiru Hospitaala keenyattis dhaadannoo Malaammaltummaan Farra Badhaadhinaa fi Guddinaati jedhuun guyyaa har'aa 03/04/2018 kabajamaa oolera.
Kabaja kana irrattis Hogganaa Olaanaa Hoospitaala Miidhagaa Obbo Abdulaziz Abrahimin hojjettoonni Hoospitaala keenyaa hundi kenna tajaajila fayyaa hawwaasa hunda biratti walfakkaataa ta'ee fi itti quufinsa qabu akkasumas ilaalcha danta dhabummaa fi naamusa ogummaa fayyaa malaanmmaltummaa irraa walaba ta'een hawwasni hundi tajaajila fayyaa barbaachisaa ta'e akka argatan dhaamsa dabarsanii jiru.
Kabaja Guyyaa Farra Malaammaltummaa kana sababeefachuudhan hojjetoota akka Hoospitaala keenyatti naamusa olaanaa qabaniif waraqaan beekamtii kennameefii jira.
Oromia Health Bureau
Ministry of Health,Ethiopia

 Sadasaa 28, 2018Dhiigni kee bakka buufamuu danda'a.Lubbuun Bakkaa buufamu hin danda’u.DHIIGAA ARJOOMAA, LUBBUU BARAARAA...
12/07/2025


Sadasaa 28, 2018

Dhiigni kee bakka buufamuu danda'a.
Lubbuun Bakkaa buufamu hin danda’u.
DHIIGAA ARJOOMAA, LUBBUU BARAARAA!

Your blood can be replaced.
Soul cannot be replaced.
DONATE BLOOD, SAVE LIVES!
ደምዎ ሊተካ ይችላል.
ነፍስ መተካት አይቻልም.
ደም ይለግሱ ፣ ህይወቶችን ያድኑ!

Godina Harargee Bahaa Aanaa Midhagaa Tolaattii Hoggaantoota Leenjii Hoggansa Paartii Badhaadhinaa Aanichaatti Mata duree ''Ilaalama Mootummaa Ida'amuutiin Guddina Dameelee'' jedhuun kennama ture irratti hoggansi Dhiiga arjoome. Hojii Ajaa'ibsisa hojacha Olan
Guddaa galatoomaa jenna.

Midega Tola Primary HospitalSadaasaa 2018Kenna Tajaajila fayyaa Hunda Galeessaan kannuuf Qorannoon Labratory isa Ijoo dh...
12/06/2025

Midega Tola Primary Hospital
Sadaasaa 2018
Kenna Tajaajila fayyaa Hunda Galeessaan kannuuf Qorannoon Labratory isa Ijoo dha. Kana irra Hundaahuun Baayyina fi Gosoota Qorannoo Laboratorii dabaluuf Mashinoota Tajaajila kanaaf Oolan hunda hojitti galchuun Murteessaa dha. Haaluma kanaan Mashina Keemistrii kan Wagga 4f tajaajila kannaa hin turin Tajaajila Egalchiifamee turuun ni yaadatama Mashina CBC kan Duranii Tajaajila keena turee sa'atii 24 machine tokkichaa qofaan waggaa (5 )Tajaajila keenuu turee yeroo ammaa machine waan Tajaajila keenu dhabee tureef CBC Machine ZYBIO (Open System) kan ta'ee Qr Kumaa Dhabba -Shani fi Kumaa Soddomii -Jaha fi dhibba saddeetif torbaatamii Jaha ( 536,876 ) Dhaabbaata MEBA Jedhamu irraa Bittuudhan Tajaajila Ummaani keenyaa barbaaduu akkaa addan hin ceenee godhamee jira, CBC Mindery 5dff Tajaajila dhabee turee yeroo ammaa Oggeessaa Biomedical Injineer kenyaan Maintenance hojechun Tajaajilatti Deebisuun Danda'amee Jiraa. Machine ammaa bittaa me /1/4/2018 hojii ni Egaala .Hospitaali keenya CBC Machine (2) Qaba Tajaajila sababa CBC ttin gonkumaa addan hin cituu gaara Fullaa Durraatti (Backup) qabna waan ta'eef. Itti Quufinsa Hawaasa keenya dabaluuf Halkanii guyyaa ni hojjanna. Iddoo nurraa hirrattees Hawaasa keenyaa Waliin ni guuttanna. Dhaamsa (SMT) Fi Hoggaana Ol-aanaa Hospitaala keenyaa Obboo Abdulaziz Abrahim
Oromia Health Bureau Ministry of Health,Ethiopia Ethiopian Public Health Institute

Marbargi Dhibee Daddarboo Balaafamaadha!= = = Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhukkuba  balaafamaa bifa weeraraatiin mudatu...
12/05/2025

Marbargi Dhibee Daddarboo Balaafamaadha!
= = =
Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhukkuba balaafamaa bifa weeraraatiin mudatu ta'ee dhiibbaa olaanaa dhukkuba qaqqabsiisuu danda'uudha. Dhibeen kun biyya keenyatti yeroo jalqabaaf Naannoo Kibba Itoophiyaa magaalaa Jiinkaatti kan mul'ate yoo ta'u, hawaasni keenya of eeggannoo barbaachisu yoo hin taasisne carraa iddoo birootti babal'achuu olaanaa qaba.

Dhibbee kana ittisuufi to'achuuf Mootummaan tarkaanfiiwwan barbaachisoo fudhachaa kan jiru yoo ta'u, dhibicha gorsa ogeessaa hojiirra oolchuun ittisuufi too'achuun ni danda'ama

Hawaasni keenyaas tattaaffii dhibee kana ittisuuf akka mootummaatti taasifamu sadarkaa hundatti tumsuun fayyaa ofiifi maatisaas eeguun murteessaa waan ta'eef gorsa ogeessaa hojiirra oolchuun balaa dhibee kanaan dhufu qolachuun haalaan barbaachisaadha.

Dhibeen vaayirasii Marbargi kun ulfaataa ta’us of eeggannnoo barbaachisaa gochuun ittisuufi too'achuun ni danda'ama.

Mallattooleen dhibee kanaas, Ho'a qaamaa olaanaa, Miira qorraa,dhukkubbii mataa cimaa, dhukkubbii maashaa, dadhabbii qaamaa,madaa'uu qoonqoo , Ciniinnaa garaa, garaa kaasaa ,
Ulfaatinni qaamaa hir'achuu, Ijjifi gogaan qaamaa keelloo ta'uu yoo ta'u,namni mallattoolee kanneen ofirratti arge hatattamaan gara mana yaalaa deemee qorannoo ga'aa taasisuun ofii fi hawaasa biroo baraaruun daraan barbaachisaadha.

Dhibee vayirasii Marbargi, Qulqullina keenya eeggachuu,Maaksii /haguuggii godhachuu, nama dhibee kanaan shakkame ariitiin yaala barbaachisaa akka argatu taasisuun ittisuufi too'achuun ni danda'ama.
BKO

12/03/2025
Midega Tola Primary HospitalFayyaan Faaya!Dhibee Dhukkubaa Vaayreesii margburgi Waliin Haa ittifnuu! Hospitaala Midhagaa...
12/02/2025

Midega Tola Primary Hospital
Fayyaan Faaya!
Dhibee Dhukkubaa Vaayreesii margburgi Waliin Haa ittifnuu!

Hospitaala Midhagaa Tolaatti Guyyaa arraantana Mariin waa'ee dhukkubaa Vaayrasii Marburgi yeroo ammaa Akka biyya teenyaatti mul’ate irratti Sadarkaa Hospitaalatti koree Taski foorsii hundeessuun akkasumaas hubannoon Waa’ee of Eeggannoo Dhukkubaa Vaayreesii margburgi irratti qophii barbaachisuu Godhuurratti mariin bilchaataan Bakka Hogganaan Hospitaala Midhagaa Tolaa Obbo Abdulaziz Abrahim Akkaasuma Medical Director Hospitaala Midhagaa Tolaa Dr Kadir Mummee Iddoo koreen Taskifoorsii Argamutti gaggeeffame jira.

Daily situation of Marberg virus diseaseNovember 21/ 2018Marburg Virus Disease Daily update Ethiopia November 30/ 2025Et...
11/30/2025

Daily situation of Marberg virus disease
November 21/ 2018
Marburg Virus Disease Daily update
Ethiopia
November 30/ 2025

Ethiopian Public Health Institute
Ministry of Health,Ethiopia
Oromia Health Bureau

Dhibee vaayirasii Maarbargii irratti dandeettii Ogeeyyii Fayyaa cimsuuf leenjiin leenjiftootaa kennamuu eegale. Kallacha...
11/30/2025

Dhibee vaayirasii Maarbargii irratti dandeettii Ogeeyyii Fayyaa cimsuuf leenjiin leenjiftootaa kennamuu eegale.

Kallacha Oromiyaa: Sadaasa 21, 2018- Dhibeen vaayirasii maarbargii akka qormaata sirna fayyaa naannoo keenyaa hin taane Biiroon Fayyaa Oromiyaa xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira.

Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfayee Kibabawu haaasawa godhaniin kaayyoon leenjii Dhibee Vaayirasii Marbargii maalummaa dhibee kanaa, haala tatamsa’inaa isaa fi tooftaalee ittisa dhibee vaayirasii kanaa irratti leenjii leenjiftootaa hirmaattotaaf kennuun hubannoofi dandeettii isaanii cimsuuf barbaachisaa ta’uu kaasanii, walgitiinsa humna namaa leenji’ee naannoo keenya keessatti mirkaneessuuf akkasumas sadarkaa hundatti qooda fudhannaa hawaasa naannichaa fi qaamolee dhimmamtootaa cimsuun iftoomina dhibee kanaa uumuuf akka ta’e himan.

Dr. Tasfaayeen itti dabaluunis dhibee kana ittisuu fi to’achuu irratti muuxannoowwan biyyoonni biroo qaban haala qabatamaa biyya keenyaa fi naannoo keenyaan hojiirra oolchuun miidhaa kanaan gahuuf malu dursanii qolachuuf qindoomina waloo cimsuu fi qophii barbaachisaa hunda gochuun qaamoleen leenji’an dirqama ogummaa fi lammummaa akka bahatan akkasumas hubannoo fi dandeettii teeknikaa kan isaan goonfachiisu ta’uusaa eeraniiru.

Gama biraatiin sirna faana dhahiinsaa, hordoffii qorannoo laaboratorii keenya cimsuu fi namoota mallattoo dhibee kanaa agarsiisuun shakkamaa yeroon adda baasuu, bakka itti turfaman qopheessuun, kanneen tuttuqqii qaban sirritti hordofuu irratti ogeessonni keenya of eeggannoo barbaachisaa taasisuun hojjechuu akka qaban kan himame yoo ta’u, deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaan karaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa tiin akka taasifamu ibsanii jiru.

Oromia Health Bureau

Address

Midega Lola, Hararghe, Ethiopia
Miami, FL

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Midega Tola Primary Hospital posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category