11/15/2025
Of eeggannoo‼️
Dhibee sodaachisaa Heemoraajik fiiver Kan naannoo jiinkaatti kaheefi Simbira halkanii!
Tibbana weerarri Dhibee Heemoraajik fiver naannoo jiinkaatti kahe sababa vaayirasii “Marburg virus “ jedhamuun dhufuu isaa qorannoon mirkaneessee jira !
Baattuun vaayirasii kanaa sinbira halkanii (Fruit Bats) iedhamturraa namatti darba . Simbirri halkanii kun akka soorataatti fuduraaleef abaabboo fayyadamti . Dhangala’aan Simbira kana keessaa bahu kan akka Fincaan , gororaa fi dhangala’aan biroo qaama ishii keessa bahu yoo nama tuqe vaayirasiin kun namatti darba .
Vaayirasiin kun yoo nama qabu carraan lubbuu namaa dabarsuu isaa baay’ee ol’aanaadha. Hanga %88 gahuu danda’a.
Dhukkubni kun nama mallattoo dhukkubichaa muldhisuu jalqabe irraa qofa namarraa namatti darba .
Simbirri halkanii baattoo vaayirasii kanaa taate kan isaan jiraatan holqa keessadha. Gaafa namoonni albuuda baasuuf akkasumas waan biraaf gara holqaa seenan, fincaan, udaan, ykn gorora sinbira halkaanii kanaaf saaxilaman vaayirasichi gara namaatti daddarba .
Vaayirasiin kun nama Dhibee kanaan qabamee mallattoo agarsiisu waliin tuttuqii qaamaa fi dhangala’oo qaamaa kanneen akka Dhiiga, gorora, fincaan, sanyii dhiiraa (ispermii) , furrii, imimmaan, dafqa, , balaqqama fi kanneen biroo isaan keessa bahuuf saaxilame Dhibee kanaaf saaxilama. Kana qofa osoo hin taane Uffata walii uffachuun, siree tokko irra waliin ciisuu, wal dhungachuu fi wal qunnamtii saalaan daddarba.
Vaayirasiin kun of eeggannoo yoo hin goone carraa inni dhukkubsataa irraa gara ogeessota fayyaatti daddarbuu isaa olaanaadha. Namoota Dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe awwaaluuf Yeroo kafananis of eeggannoo yoo hin goone gara nama isa kafanu sanatti ni daddarba .
Namoonni dhukkuba vaayirasii kanaan qabaman mallattoo armaan gadii agarsiisu
- Dhaqna gubaa/qaama gubaa
-Dadhabbii gar malee
-Dhukkubbii maashaa fi buusaa
-Mataa dhukkubbii
-Teessisaa/garaa kaasaa
-Olguurraa/balaqqama
Yoo dhibeen kun daraan hammaachaa deeme dabalataan malattoo akka
-Dhiiguu qaamaa karaa funyaanii, afaan, irga ilkaanii, gogaa jala, ija, karaa qaamaa saalaa fi qaamota keessaa
-Garmalee gadi bu'uu dhiibbaa dhiigaa
-Dadhabuu kalee fi tiruu fi qaamota ijoo biroo
-Of wallaaluu faa agarsiisa
Kanaaf of eeggannoo akkamii gochuu qabna?
-Nama Dhibee kanaan qabame ykn mallattoo agarsiise waliin tuttuqqii qaamaa gochuu dhiisuu
-Yoo nama dhibee kanaan qabame yaalan/kunuunsan golgaa harkaa fi meeshaalee addaa dhimma kanaaf hijiirra oolan (personal protective equipment) fayyadamuu.
-Nama Dhibee kanaan shakkame hatattamaan gara mana yaalaa geessuu
-Harka keenya saamunaaf bishaaniin qulqulleefachuu ykn Sanitizer fayyadamuu
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Naafyaad Geetuu