12/27/2025
Dhukkubbii dugdaa yeroo ulfaaf furmaanni maali ?
Yeroo ulfaa dhukkubbii dugdaa qabaachuun kanuma jiruufii eegamudha. Sababni isaas;-
*ulfaatinni qaama waan dabaluuf( gaining weight.)
*Bakki harkisa lafaa fi haalli dhaabbii wayita ulfaa jijjiiramuu (your center of gravity changes)
*Jijjiiramni hormoonii yeroo ulfaa akka maashaaleen lallaafuun da’umsaaf ofqopheessan taasisuun kan ka'edha (your hormones are relaxing the ligaments in the joints of your pelvis).
Furmaata:
1. Haala dhaabbii ofii sirrii ta’e qabaachuuf shaakaluu(Practice good posture)
Yeroo gadameessi guddataa deemu harkisi lafaa fuulduratti jijjiiramaa deema. Sababa kanaaf akka fuulduratti hinkufneef haadholiin ulfaa duubatti jedhanii deemuun dhaabbii isaanii eeggatu.kunimmoo maashaa dugdaa gara gadii gototuun dhukkubbii dugdaa fida.
Kanaaf ;-
Yeroo dhaabbatan oljedhanii qixxaan dhaabachuu
Miilla cufanii dhaabbachuu dhiisuu(bal’isanii dhaabachuu).
Yeroo sa’a dheeraaf dhaabbachuun dirqama ta’e miilla tokko irra dabaree dabareen ulfaatina hir’isuu
Yeroo taa’an taa’umsa dugdaaf hirkoo gaarii qabu ykn boraatii xiqqoo dugda duubaa fi hirkoo taa’umsaa gidduu kaa’achuu.
2. kophee sirrii kaa’achuu(Get the right gear)
Kophee jalli isaa diriiraa ta’e fayyadamuu. Kan kopheen isaa olka’aa ta’e itti cimsa waan ta’eef dhiisuu.
3. yeroo lafaa waa kaasan haala hinmiineen kaasuu(Lift properly)
Gadjedhanii waa fuudhanii oljechuu dhiisuun,taa’anii waa fuudhuun olka’uu.
Akkasumas waanta gurguddaa kaasuu dhiisuu.
4. cinaachaan ciisuu(Sleep on your side)
Cinaachaan ciisuu/rafuu fi miilla jilbatti dachaasuu. Akkasumas boraatii miilla gidduu kaa’achuun rafuu.
5. Fooxaa bishaan ho’aan jiidheen dugda sukkuummachuu.
6. Sosochii qaama taasisuu
7. Boqonnaa ga’aa qabaachuu/fudhachuu
Haa ta’u malee yoo dhukkubbiin dugdaa baay’ee cimaa ta’e ogeessa fayyaa mariisisuun dawaa dhukkubbii hir’isan fudhachuu. Akkasumas dhukkubbiin dugdaa cimaan mallattoo ciniinsuun yeroo malee dhufuu fi infekshinii ujummoo fincaanii keessaa isa tokko ta’uu waan maluuf ilaalamuun gaariidha.
Fayyaa hin dhabinaa !
Dr. Lammii Gonfaa ( Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadameessaa@WUCSH, Naqamtee)